Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

18 of 559 cards

Clear filters
"Namni wolitti nama naqu (diru) jannata hin seenu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Seehaa (namii) irraa fagaadhaa; Dhugumatti seehaan irra soba haasawaati, hamtuu namaa beekuuf hin yaalinaa, wal hin basaasinaa, wal hin hassadinaa, dugda walitti hin galinaa, wal hin jibbinaa, Gabroota Rabbii obboleewwan ta’aa”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Namni itti yaadee ana irraati sobe ibidda keessatti teessoo isaa haa qopheeffatuu”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wajjiin taa'aa ture, namoonni lama arrabsanii, tokkoo isaanii fuulli isaa diimatee, ujummoo dhiigaa isaa iita'ee jennaan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture, osoo akkas jedhee: Sheyxaana irraan Rabbitti maganfadha, silaa rakkinni kun irraa deema ture», sahaboonnis namichaan akkas jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas siin jedhan: «Sheyxaana irraa Rabbiitti maganfadhu», innis ni jedhe: maraatumni natti jiraa moo?
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Umariin bira turre, akkas jedhe: «Of dirquu irraa dhoorgamnee jirra».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu» ni jedhe: eegasii Aayaa qur'aanaa kana qara'ani: «{Akkuma kana Qabaan Rabbii keetii yeroo (warra) magaalota haala isiin miidhaa hojjattuun isii qabe, qabaan isaa akkaan laalessaa akkaan jabaadha} [suuraa Huud: 102]».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Guyyaa Qiyaamaa miidhaan dukkana waan ta’uuf, miidhaa irraa of eeggadhaa, doqnyummaa bololaan waliinii irraas of eeggadhaa, baraa doqnyummaa bololaan waliinitu warra isin dura turan balleesse, Dhiiga isaanii akka dhangalaasan akkasumas haraama isaanii akka halaala godhatan isaan taasiseera".
Sahiiha Muslimtu gabaase
“Dammaqaa! cubbuu gurguddaa isiniif himuu?” Yeroo sadii akkana jedhan, Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii nuuf himaa, ni jedhan: "Allaahitti sharraksiisuu fi hadhaa abbaaf galata dhabuu" irkatanii turanii ol jedhanii taa'anii akkana jedhan: "Dammaqaa, ammaas Haasaa sobaati", ni jedhe: Osoo callisanii hanga nuti jennutti isii deddeebisuu irraa hin deemne.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan