Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

35 of 559 cards

Clear filters
«Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha».
Hasani Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".
Hasani Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
«Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Addunyaa tana keessatti gabrichi gabricha biraa hin sattaru, Rabbiin guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Namicha tokko kan namootaaf waa liqeessutu ture, gurbaa isaatiin akkas jedha ture: yeroo rakkataatti dhufte irra isaaf darbi, Rabbiin irra nuuf darbuutu mala, eegasii Rabbiin wol gahee jennaan Rabbiinis irra isaaf darbe".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin gabricha (isa) sodaataa, of ga'aa, dhokataa ta'e jaallata».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatan gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u billaa isaa haa qarfatu, gorra'amaa isaa haa boqachiisu".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Nama namaaf rahmata hin goone Rabbiin ol ta'e rahmata isaaf hin godhu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan