Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

62 of 559 cards

Clear filters
Nan jedhe: Yaa Ergamaa nagaa bahuun akkamitti argama? isaanis ni jedhan: «Arraba kee qabadhu, manni kee siif haa bal'atu, badii kee irratti boo'i».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
"Namni tokko dilii hojjetee, eegasii ka’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaatee, eegasii Rabbiin irraa araaama barbaadee jennaan, Rabbiin isaaf araaramu malee hin hafu, eegasii Aayaa tana qara'an: {Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookaan lubbuulee ofii miidhan Rabbiin yaadatanii, badiilee isaanitiif araarama kadhataniidha} [Aali imraan: 135].
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
"Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama, waamaan tokko: yaa warra jannataa, jedhee waama, isaanis hiixatanii ilaalu, kana beektuu? jedhaan, isaanis eeyyeen, kun du'a jedhuun, hundi isaaniituu dhugaan isa arganiiru, eegasii yaa warra ibiddaa jechuun waama, isaanis hiixatanii ilaalu, kana beektuu? jedhaan, isaanis ni jedhu: eeyyeen, kun du'a, hundi isaaniituu dhugumaan isa arganiiru, innis(duutis) ni gorra'ama eegasii ni jedha, yaa warra jannataa yeroo hunda jiraachuudha duuti hin jiru, yaa warra ibiddaa yeroo hunda jiraachuudha duuti hin jiru, eegasii aayaa tana ni qara'an: {Haala isaan daguu keessatti ta'aniin osoo isaan hin amanin yeroo dhimmichi murtaa'u, guyyaa gaabbii san isaan sodaachisi} [suuraa maryam: 39], isaan kun daguu worra duuniyaa keessa jiru {isaan hin amananu} [suuraa maryam: 39]".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin nama dhugaan shahiidummaa isa gaafate sadarkaa shahiidotaatiin isa ga'a, firaasha isaa irratti yoo du'ellee».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Torban balleessituu taate irraa fagaadhaa» ni jedhan (sahaaboonni): yaa Ergamaa Rabbii maali isaan? isaanis ni jedhan: «Rabbitti shaarrakuu, haqaan maletti lubbuu Rabbiin haraama godhe ajjeesuu, dhala nyaachuu, qabeenya yatiimaa nyaachuu, guyyaa lolaa baqachuu fi shamarran mu'umintootaa tikfamoo ta'an kan haraama quba hin qabne maqaa isaanii baalagummaan xureessuudha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Lallabaan tokko ni lallaba, isiniif fayyaa malee gonkumaa dhukkubsachuun hin jiru, jiraachuu malee du'uun gonkumaa hin jiru, dargaggummaa malee dulloomuun gonkumaa hin jiru, qananii keessa jiraachuu malee gonkumaa abdii kutachuun hin jiru» kuni jecha Rabbii ol ta 'eeti: {Jannanni sana sababaa waan hojjetaa turtaniitin dhaalchifamtani} [Al-a'araaf: 43].
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Dhukkubni tokko (ofii isaatii) dabruun hin jiru, faana ilaallachuun hin jiru, ji’a safaraatti faana ilaallachuunis hin jiru, sagalee Hurunguutin(simbirrootin) faana ilaallachuun hin jiru, Akkuma leenca irraa baqattutti nama dhukkuba qumaaxaa qabu irraa baqadhu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa hamaa akka nama miskii baatee fi nama beeloo afuufuudha. Miskii namni baatu: Yookaan kennaa siif laata, yookaan immoo isa irraa bitatta, yookaan immoo urgaa namatti tolu isa irraa urgeeffatta. Namni beeloo afuufu ammoo: Uffata sirraa guba ykn ammoo hafuura badaa irraa argita».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan