Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

9 of 559 cards

Clear filters
«Toltuun: haala gaariidha, badiin immoo: waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni isarratti si beekuu jibbiteedha».
Sahiiha Hadiisa tokkoffaa: Muslimtu gabaase, hadiisa lammaffaa immoo: Ahmad fi Daarimiitu gabaasan.
Nan jedhe: Yaa Ergamaa nagaa bahuun akkamitti argama? isaanis ni jedhan: «Arraba kee qabadhu, manni kee siif haa bal'atu, badii kee irratti boo'i».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
"Namni tokko dilii hojjetee, eegasii ka’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaatee, eegasii Rabbiin irraa araaama barbaadee jennaan, Rabbiin isaaf araaramu malee hin hafu, eegasii Aayaa tana qara'an: {Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookaan lubbuulee ofii miidhan Rabbiin yaadatanii, badiilee isaanitiif araarama kadhataniidha} [Aali imraan: 135].
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
«Ilmi namaa akka garaa isaattti, qodaa hamaa ta'e kan inn guute hin jiru, ilma namaatiif luqumaawwan muraasni dugda isaa dhaabdu isaaf ga'aadha, quufanii nyaachuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, tokko sadaffaa garaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu».
Sahiiha Imaamu Ahmad, Tirmizii, Nasaa'ii fi Ibnu maajaatu isa gabaasani
Nin jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu".
Sahiiha Muslimii fi Ahmadtu gabaasan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".
Hasani Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
«Rabbiin karaa sirriif fakkeenya godhe, qarqara lameen karaa sanaa irratti dallaa lamaatu jira, isaan lameen keessatti ulaalee babbanamootu jiru, ulaalewwan sunneen irra girdoo gadi dhiifamteetu jira, ulaa karaa irra immoo lallabaa yaa ilma namaa, hundi keessanuu karaatti seenaa asiif achi hin jallatinaa jedhuutu jira, akkasuma karaa gara gubbaatiin immoo waamaa tokkotu jira, yeroo namni wohii ulaalewwan sunneen keessaa tokko banuu fedhetti, of eeggadhu akka isa hin banne, yoo kan isa bantu taate ni seenta jedhaan, karichi islaama, dallaan lameen immoo daangaa Rabbiiti, ulaalewwan babbanamoon immoo dhoorgaa Rabbiiti, lallabaan mataa karaa irraa sun immoo: kitaaba Rabbiiti, lallabaan karaa gara gubbaa irraa immoo: gorsaa Rabbii kan qalbii muslima hundaa keessa jiruudha».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuu kan heddummeessu turani: «Yaa kan qalbii garaggaggalchitu qalbii kiyya amantii kee irratti raggasisi», nan jedhe: yaa ergamaa Rabbii, sii fi waan ati ittiin dhuftetti amannee jirra, nurratti ni sodaattaa? isaanis ni jedhani: «eeyyeen, qalbiin quboowwan Rabbii keessaa quba lameen gidduutti argamti akka fedhe isii garaggaggalcha».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani