Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

30 of 559 cards

Clear filters
"Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Komiin (hamti) maal akka ta'e beektuu?", Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka jedhan, Ergamaanis ni jedhan: "Obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha", wanti ani jedhu obboleessa koo keessa yoo jiraate hoo? jedhame, Ergamaanis ni jedhan: "wanti ati jettu isa keessa jira yoo ta'e dhugumatti isa komatteerta, wanti ati jettu isa keessa hin jiru yoo ta'e immoo isa irratti kijibdeerta".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ani mucaa guddisa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala ture, harki koo sahanaa nyaataa irra naanna'aa waan tureef, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas naan jedhan: "Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu" sana booda akkaataa saniin nyaachuu dhiisee hin beeku.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Nama tokkoof halkan sadi'ii ol obboleessa isaatiin ooduun hin eeyyamamuuf, yeroo wol araganutti kunis irraa garagala sunis irraa garagala, irra caalaan isaanii isa salaamataan eegalu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni yookaan dhaabni yookaan dhagaan gidduu isaaniitti haguugde eegasii ammas yoo isa qunname salaamtaa isaan haa jedhu».
Sahiiha Abuu Daawuudtu gabaase
Nan jedhe: Yaa Ergamaa nagaa bahuun akkamitti argama? isaanis ni jedhan: «Arraba kee qabadhu, manni kee siif haa bal'atu, badii kee irratti boo'i».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
«Mu'uminni kan akkaan arrabaan nama woraanuu miti, akkaan kan nama abaarus miti, gadhees miti, nama afaan badaas miti».
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
"Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu, Namni hirriiba irraa dammaqe immoo bishaan itti wuduu'a godhatuu deemu keessa osoo isa hin galchine harka isaa haa dhiqatuu, sababni isaas harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha". Muslim akka gabaasetti: "Tokkoon keessan yeroo hirriiba irraa ka'e harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha hanga yeroo sadii isa dhiquutti harka isaa mi’a (meeshaa/qodaa) keessa akka hin galchine".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan