Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

20 of 559 cards

Clear filters
«Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni duuniyaatti hariira offate aakhiraatti isa hin offatu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namni baadiyyaa tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee akkas jedheen: Hojiin yeroo isa hojjadhe jannata itti seenutti na qajeelchi, Isaanis akkana jedhan: "osoo waan biraa Isaatti hin qindeessin Rabbiin gabbarta, salaata dhaabda, zakaa dirqamaa ni kennita, Ramadaana ni soomta" namichis akkas jedhe: Isa lubbuun kiyya harka Isaa keessa jirtuun kakadhee kana irratti homaa hin dabalu, sana booda yeroo namichi deemuuf achi garagale Nabiyyiin -nagaa fi rahmanii isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhani: "Namni gara namicha wahii kan warra jannataa irraa ta'e ilaaluun isa gammachiise gara namicha kanaa haa ilaaluu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Tokkoon keessan osoo fincaa'aa jiruu qaama saalaa isaa harka mirgaatiin hin qabatin, harka isaa mirgaatiin qaama saalaa isaa hin haxaa’in, meeshaa dhugaatii keessattis hafuura hin baafatin».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Komiin (hamti) maal akka ta'e beektuu?", Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka jedhan, Ergamaanis ni jedhan: "Obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha", wanti ani jedhu obboleessa koo keessa yoo jiraate hoo? jedhame, Ergamaanis ni jedhan: "wanti ati jettu isa keessa jira yoo ta'e dhugumatti isa komatteerta, wanti ati jettu isa keessa hin jiru yoo ta'e immoo isa irratti kijibdeerta".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ani mucaa guddisa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala ture, harki koo sahanaa nyaataa irra naanna'aa waan tureef, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas naan jedhan: "Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu" sana booda akkaataa saniin nyaachuu dhiisee hin beeku.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan