Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

39 of 559 cards

Clear filters
“Dhiirri qaama saalaa dhiiraa hin ilaalu, dubartiinis qaama saalaa dubartii hin ilaaltu, uffata tokkicha dhiirri lama hin uffatu, dubartiinis uffata tokkicha dubartii biraa waliin hin uffattu".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Eenyu hiyyeessa akka ta'e beektuu?» nu keessatti hiyyeessa jechuun nama dirhamas(maallaqaa) meeshaas hin qabne jedhani, ergamaanis ni jedhani: «ummata koo irraa hiyyeessa jechuun nama guyyaa qiyaamaa salaata, soomaa fi zakaan dhufee, isa kana arrabsee, isa kana immoo maqaa xureessee waan inni hin qabne irra kaa'ee, qabeenya isa kanaa immoo nyaatee, dhiiga isa kanaa immoo dhangalaasee, isa kana immoo rukutee kan dhufeedha, inni kun toltuu isaa irraa kennamaaf, isa kanaafis toltuu isaa irraa kennamaaf, waan isa irra jiru kaffalee osoo hin fixin toltuun isaa yoo dhumte immoo, badiin isaanii irraa fuudhamee isa irratti fe'amee, eegasii ibiddatti darbama».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin gabricha (isa) sodaataa, of ga'aa, dhokataa ta'e jaallata».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatan gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u billaa isaa haa qarfatu, gorra'amaa isaa haa boqachiisu".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Nama namaaf rahmata hin goone Rabbiin ol ta'e rahmata isaaf hin godhu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Tooltuu irraa homaa hin tuffatin, fuula ifaa ta'een obboleessa keetiin wol gahuu osoo ta'ellee".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha tokko kan saalfii irraa obboleessa isaa gorsuu dhaga'anii, akkas jedhan: "Saalfiin iimaana irraayi".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan