Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

8 of 559 cards

Clear filters
"Namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin guyyaa qiyaamaatti fuula isaa irraa ibidda deebisa".
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
«Mallattoo Islaamummaan namichaa toluu irraa, waan isa hin ilaallanne dhiisuu isaati».
Nawawiin akkana jedhe: Hadiisa hasani Tirmizii fi kan birootu gabaase
“Warra rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaa”.
Sahiiha Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
«Mu'uminni kan akkaan arrabaan nama woraanuu miti, akkaan kan nama abaarus miti, gadhees miti, nama afaan badaas miti».
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
"Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba".
Sahiiha Abuu Daawuudii fi Tirmiziitu gabaasani
«Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha».
Hasani Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".
Hasani Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
(Namni tokko yeroo obboleessa isaa jaallate akka isa jaallatu isatti haa himu).
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Kubraa keessattii fi Ahmadtu gabaasani