Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

54 of 559 cards

Clear filters
Namoonni tokko gara Sahl bin Sa'ad Al-Saa'idii dhufanii, minbirri maal irraa tolfamee keessatti dhugumatti haala wal mormaniin, waa’ee sanaa isa gaafatan, innis akkas jedhe: Rabbiin kakadhee inni maal irraa akka ta'e nan beeka, ani guyyaa jalqabaa itti kaayame dhugumatti isa argeera, guyyaa jalqabaa Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irra taa'anis argeera. Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartii wahitti akkana jechuun ni ergan -isiin dubartii warra Ansaaraa irraa taate yoo taatu sahl maqaa isii waameera-: "Minbira yeroon namootatti dubbadhu irra taa’u akka naaf tolchu gabricha kee ogeessa ijaarsaa san ajaji", isheenis isa ajaja itti dabarsitee, innis gaattiraa bosonaa irraa isa tolchee, eegasii isa qabee dhufee, Ergamaa Rabbiitiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ergite, isaanis itti ajajanii as kaa'ame. Ergasii Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan irratti salaatanii osoo irra jiranii Allaahu akbar jedhan argeera, ergasii osuma irra jiranii Rukuu'a godhan, ergasii of duubatti irraa bu'anii jala minbaratti sujuuda godhanii ergasii deebi'an, yeroo xumuran gara ummataatti garagalanii akkana jedhan: "Yaa ummata kana akka isin natti hidhattanii salaata koo bartaniif jecha akkas godhe".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Gidduu azaana lameenii hundatti salaataatu jira, gidduu azaana lameenii hundatti salaataatu jira», eegasii sadaffaa irratti akkas jedhani: «nNama fedheefi».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ibnu Azzubayr salaata hunda booda akkas jedha ture: «Laa Ilaaha Illallaahu Wahdahuu laa Shariika lahuu, lahul mulku Walahul hamdu Wahuwa Alaa kulli Shay'in Qadiir, Laa Hawla Walaa Quwwata Illaa Billaah, Walaa Na'abudu Illaa Iyyuahu, Lahu Anni'imatu walahul fadlu walahussanaa'ul hasan, Laa ilaaha Illallaahu Mukhlisiina Lahuddiina wolaw Karihal kaafiruun» eegasii akkas jedha ture: «Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saalaata hunda booda isiidhaan zakkaru turani».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Yemmuu Mu'azinni akkana jedhe: Allaahu Akbar, Allaahu Akbar, tokkoon keessan Allaahu Akbar, Allaahu Akbar jedha, ergasii Ash-hadu An laa ilaaha Illallaah yoo jedhe innis Ash-hadu An laa ilaaha Illallaah jedha, Ash-hadu Anna Muhammadan rasuulullaah yoo jedhe, innis Ash-hadu Anna Muhammadan rasuulullaah jedha, Hayya Alassalaah yoo jedhe, Laa hawla walaa quwwata illaa billaah jedha, Hayya Alal falaah yoo jedhes laa hawla walaa quwwata illaa billaah jedha, Allaahu Akbar Allaahu Akbar yoo jedhe, Allaahu Akbar Allaahu Akbar jedha, ergasii Laa ilaaha Illaallaah yeroo mu'azzinni jedhe, innis Laa ilaaha Illallaah jedha, kana qalbii isaa irraa kan jedhe taanan Jannata seene".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namni gara masjiidatti ganama deeme ykn galgala deeme Rabbiin yeroo inni ganama ykn galgala deeme hundatti Jannata keessatti bakka qubsumaa isaaf qopheessa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Tokkoon keessan yeroo masjiida seene osoo hin taa’in raka’aa lama haa salaatu”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti taphattee jirta (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta)".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan