Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

54 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata jalqabuuf jedhan, yeroo jilba qabachuuf Allaahu akbar jedhan qixxee ceekuu isaanii lamaanitti harka isaanii lamaan kan ol kaasan ta'an, akkasumas yeroo jilba qabachuu irraa mataa isaanii ol kaasan harka isaanii lamaan ol kaasanii, akkana kan jedhan ta'an: «Sami'allaahu Liman Hamidah, Rabbanaa walakal hamd», hiikkaan isaatis Rabbiin nama Isa faarse dhagahe, yaa Rabbii keenya faaruun keeti jechuudha. Yeroo sujuuda godhan sana kan hin hojjenne ta'an.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Nyaanni bakka jirutti salaatni hin jiru, akkasumas yeroo namichi fokkataa lamaanin wal deddeebisu keessattis salaata salaatuun hin jiru”.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dugda isaanii rukuu'a irraa yeroo ol kaasan akkana kan jedhan ta'an: "Sami'allaahu Liman Hamidah, Allaahumma Rabbanaa lakal hamd Mil'assamaawaati wa mil' Ardi wa mil'a maa shi'ita min shey'in Ba'ad", jechuunis: Rabbiin nama Isa faarsef dhaga’e, Yaa Rabbii keenya faaruun siifi, faaruun samii fi dachii guutu, akkasumas eegasii wahirraa faaruun waan ati feete guutu siifi jechuudha.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganaan koo lameen ganaa isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan: " attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu waxxayyibaat. assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh. assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin. Ash-hadu anlaa ilaaha illallaahu wa ash-hadu anna muhammadan abduhuu wa Rasuuluh" hiikkaan isaas: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa ta'an ragaa nan baha, jechuudha". Gabaasa biraa kan Bukhaarii fi Muslim keessatti: "Rabbiin nagaadha, nagaas kennaadha, kanaafuu tokkoon keessan yeroo salaata keessatti tashahhudaaf taa'e akkana haa jedhu: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barkaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu -yeroo jechoota kana jedhetti samii fi dachii keessatti hunda gabricha Rabbii kan gaarii ta'eef ni geessi- Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa akka ta'an, eegasii du'aa'ii irraa waan barbaade filata".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Isin keessaa namni tokko salaata isaa keessatti yoo shakkee, meeqa akka salaate yoo hin beekin sadii moo afurii, shakkii sana ofirraa dhiisee, waan mirkaneeffate irratti ijaaree, eegasii osoo salaamata hin jedhin sujuuda lama haa sujuuduu, Yoo raka'aa shan kan salaate tahe, salaata isaa qindii taasisaaf, yoo raka'aa afur guutuu kan salaate tahe immoo Sheyxaana lafatti rigaadha taha».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Qabriiwwan irra hin taa'inaa, isiitti gara galtaniis hin salaatinaa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
“Namni yeroo mu'azzina dhaga’u akkana jedhe: "Ashahadu an laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, wa anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh, radiitu billaahi rabban wabimuhammadin rasuulaa, wabil islaami diinaa" diliin isaa isaaf dhiifama, hiikni isaas: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiruu, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa ba'a, Rabbiin Gooftaa ta'uu, Muhammad ergamaa ta'uu, Islaamummaan immoo amantii ta'uu jaaladhe jechuudha”.
Sahiiha Muslimtu gabaase
“Yeroo Azaana dhageessan, fakkaatuma lallabaan jedhu jedhaa”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan