Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

43 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu, eegasii harka isaanii rifeensa isaanii keessa galchanii kan dhiqatan ta'an, yeroo qaama isaanii bishaan quubsuu yaadanitti bishaan yeroo sadii mataa gubbaa ofitti naqanii, eegasii qaama isaanii hunda dhiqatu. Aa'ishaan akkana jette: anaa fi Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- meeshaa tokko irraa kan dhiqannu taane, nuti hundinuu isuma irraa hammaarranna.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waliin ture, isaanis gara eddoo balfi itti gatamu tokkoo dhufanii, dhaabbatanii fincaa'an, ani irraa fagaadhee jennaan akkana naan jedhan: «As dhihaadhu» anis hanga duuba miila isaanii lamaan dhaabbadhutti itti dhihaadhe, achiis wuduu’a godhatanii kophee khuffii isaanii lamaan irra haxaa’an.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Muslimni kamuu haala wuduu'a isaa bareeffateen wuduu'a godhatee, eegasii dhaabbatee haala qalbii isaatii fi fuula isaatiin itti deebi'een rak'aa lama salaannaan jannanni isaaf dirqama taatu malee hin haftu» uqbaanis: maalumaatu isii tana bareechen jedhe, yeruma kana dubbataan wohii ana fuulduratti akkas jedhe: tan isii duraatu irra bareedduudha, eegasii yeroon ilaalu umaris: ani amma reefuu dhufuu kee si argeen jira jechuun akkas jedhe: «Tokkon keessan haala isa guuteen yookaan geessiseen wuduu'a godhatee, eegasii, Ash-hadu Anlaa ilaaha illallaah wa Anna Muhammadan Abdullaahi wa Rasuuluuhuu jedheera taanaan balballi jannataa saddeettan isaaf banamtee isii keessaa karaa fedheen seenu malee hin hafu».
Sahiiha Muslimtu gabaase