Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

18 of 559 cards

Clear filters
«Waan dhaloonni haraama godhu hoosifnis haraama godha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haqni haadha manaa tokkoo keenyaa kan isa irratti qabdu maali? ni jedhan: «Yeroo ofii nyaattu ishee nyaachisuu, yoo ofii uffatte ishees uffisuu, fuula ishee dhahuu dhabuu, fokkattuu jechuu dhabuu fi mana keessatti malee isheen ooduu dhabuudha».
Hasani Abuu Daawuud, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
«Dubartiin hayyama waliyyii ishee malee heerumte kamiyyuu, gaa’elli ishee seera qabeessa miti -yeroo Sadii- yoo ishee waliin qunnamtii saalaa raawwate, sababa saniif mahriin isheef dirqama taha, yoo wal dhabdee keessa seenan sulxaanni waliyyii nama waliyyii hin qabneeti».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bitaa isaaniitiin hariira qabatanii, mirga isaanitiin immoo worqii qabatanii, eegasii hariiraa fi worqiin harka isaanii lameen ol qabuun, akkas jedhani: «Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ibnu maajaatu gabaasan
Dhugumatti, duniyaan tun mi’ooftuu magariisa, Rabbiin isii keessatti warra isin duratti dabran irraa bakka isin buuse, akkamitti akka hojjattan ilaala, Kanaafuu duniyaa eeggadhaa dubartootas eegadhaa, jalqabni qorumsa ilmaan israa'eel dubartoota keessatti argame".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha».
Hasani Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
«Duuniyaan meeshaa itti fayyadamanu, irra caalaan meeshaa duuniyaa dubartii gaariidha».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namni haadha manaa lama qabaatee gara takkatti dabe, guyyaa qiyaamaa cinaachi isaa gara tokkotti dabee dhufa».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan