Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

6 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafa tokko nu gidduu dhaabbatanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaattee ijji irraa imimmaan dhangalaafte nu gorsan, eegasii ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii gorsa nama nagaa namatti dhaammatuu nu gorsitanii, nuu dhaamaa, isaanis ni jedhan: "Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa, ilkaan a'ootiin isirratti ciniinaa, wantoota haaraa bid'aa ta'an irraa fagaadhaa, hundummaan bid'aatuu jal’ina waan ta’eef".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Alaabaa kana nama Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallatu kan Rabbiin harka isaatti injifannoo fiduuf kenna» Umar bin khaxxaab akkas jedhe: Ani guyyaa san malee taayitaa jaaladhee hin beeku, ni jedhe: akkan isiif waamamu qaaman hihiixataa ture, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Aliyyii bin Abii Xaalib waamanii, isii isaaf kennanii, akkana jedhaniin: «Hanga Rabbiin injifannoo siif kennutti, of duuba hin ilaalinii deemi» ni jedhe: Aliyyi yeroo muraasaaf deemee, eegasii osoo of duuba hin ilaalin dhaabbatee, akkana jechuun iyye: Yaa Ergamaa Rabbii! maal irratti namootan lola? isaanis akkana jedhan: «Hanga isaan Rabbi malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiruu, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahanitti isaanin loli, yoo akkas godhan dhiiga isaanii fi qabeenya isaanii sirraa tikfatan, haqa isiitin malee, herregni isaanii Rabbirra jira».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Sodaa Rabbiin isiniif dhaama, akkasumas gabrichi habashaa irraa ta’e yoo isin irratti duree ta’ellee, isa dhaga’uu fi isaaf ajajamuun isiniif dhaama, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kootii fi karaa khaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa, qarriffaadhaan ciniinaa qabadhaa, adaraa wantoota (diinii keessatti) khalaqaman irraa of eeggadhaa, hundi wantoota haaraa diinii keessatti khalaqamanii jallina waan ta'eef jecha».
Sahiiha Abuu Daawuudii fi Tirmiziitu gabaasani
Osoo hin du'iniin duratti guyyaa shaniin Nabiyyiidhaa akkas jedhuun dhagahe: "Ani gara Rabbiittan of qulqulleessa isin irraa jaalalleen anaaf ta'uu irraa, dhugumatti Rabbiin ol ta'e jaalallee na taasifatee jira, akkuma ibraahimiin jaalallee taasifatetti, osoon kan ummata koo irraa jaalallee taasifadhu ta'ee silaa Abuu Bakiriinan jaalallee taasifadha, dhagahaa! worroonni isiniin dura turan qabrii nabiyyootaa fi gaggaarota isaanii masjiidota taasifataa turan, dhagahaa! qabriiwwan masjiidota hin taasifatinaa, ani sana irraan isin dhoorga''.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- Saabit bin Qeysii dhabanii, namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii ani bakka inni jiru nan beeka, gara isaas dhufee mana isaa keessa mataa isaa gadi qabatee kan taa'u argee akkana jedheen: Maaltu si mudate? innis ni jedhe: Hamtuudha, sababni isaas isaatu -of baanee- sagalee isaa kan Rasuulaa irra kan ol kaasu waan ta'eef jecha, kanaafuu hojiin isaa jalaa badee jira waan ta'eef inni warra ibiddaa irraayi. Eegasii namichi dhufee inni akkanaa fi akkas akka jedhe isaanitti hime.Yeroo itti aanutti oduu gammachiisaa qabatee deebi'e, akkas jedhaniin: "Gara isaa deebi'ii akkana jedhiin: "Ati warra ibiddaa irraayii miti, garuu ati warra jannataa irraayi".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan