Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

10 of 559 cards

Clear filters
ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- aayatattii suuraa aala-imraan keessaa akkas jettu {inni isa sirratti kitaaba buuse isa irraa keeyyata ifaatu jira, isaan bu'uura kitaabaati, kan biraa immmoo wol fakkaattuudha, worri onnee isaanii keessa jallinni jiru fitnaa barbaachaa fi hiika isaa isa dhokataa barbaachaaf jecha isa wol fakkaataa hordofu, hiika isaa isa dhokataa Rabbiin malee homtuu hin beeku, worri beekumsa keessa fagaatan immoo "hunduu Rabbii keenya biraayyi itti amanne" jedhu, worra sammuu qabu malee namni biraa hin gorfamu} [suuraa aala-imraan: 7]. Aa'ishaanis akkas jette: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- itti fufuun akkas jedhani: «yeroo worra isa irraa waan wol fakkaate hordofu agarte isaani worri Rabbiin jedhe, isaan irraa of eeggadhaa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Rabbiin ol ta'e akkana jedha: Anaa fi garbicha koo gidduutti salaata walakkaa lamatti qoode, Gabricha kootif immoo waan inni gaafatetu isaaf jira. Yeroo gabrichi jedhe: {Al-hamdu Lillaahi Rabbil Aalamiin}, jechuunis: Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa Aalamaati, jechuudha, Rabbiin ol ta'e ammoo akkana jedha: Garbichi koo Na faarse, Yeroo jedhe: {Arrahmaanirrahiim}, jechuunis: Akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa jechuudha, Rabbiin ol ta'ees ni jedha: gabrichi koo deddeebi'ee na faarse. Yeroo jedhe: {Maaliki yowmiddiin}, jechuunis: Mootii guyyaa mindaa jechuudha, Rabbiin ol ta'e ammoo akkana jedha: Garbichi koo na guddise, yemmuu tokko ammoo ni jedha: Gabrichi koo waa'ee isaa natti hirkise. Yeroo jedhe: {Iyaaaka na'abudu wa iyyaaka nasta'iin}, jechuunis: Sima qofa gabbarra sima qofaan gargaarsifanna jechuudha, Rabbiinis ni jedha: "Kuni anaa fi gabricha koo jidduu jira, wanti inni kadhate hundi gabricha kootif ni ta'a. yeroo gabrichi jedhe: {Ihdinas-siraaxal Mustaqiim siraaxallaziina An amta Aleyhim geyril magduubi Aleyhim waladdaaliin}, jechuunis: Karaa qajeelaa irratti nu qajeelchi, karaa warra ati qananiiftee san nu qajeelchi, karaa warra ati itti dheekkamtee miti, akkasumas karaa warra jallatee miti jechuudha, Rabbinis ni jedha: Kuni gabricha kootiif, gabricha kootiif ammoo wanti inni kadhate ni tahaaf.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Manneen keessan qabroota hin taasisinaa, mana suuraan baqaraa keessatti qara'amu sheexaanni irraa dheessa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Namoonni warra shirkii irraa ta'an tokko, dhugumatti kan ajjeesanii ajjeechaa baay'isanii fi heddumminaan kan zinaa raawwatan ta'an, sana booda gara Nabi Muhaammad -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufanii akkas jedhaniin: Dhugumatti Inni ati jettuu fi itti waamtu kun gaariidha, Waan hojjenne kanaaf araarri jiraachuu osoo nutti himtee, Aayaan Qur'aanaa tun ni buute: {(gabroonni Rabbii ammas) Warra Rabbiin wajjin gabbaramaa biraa hin waamanne, akkasumas warra lubbuu Rabbiin ajjeechaa isii haraama taasise haqaan maletti hin ajjeesne fi warra sagaagalummaa hin raawwanneedha} [Furqaan: 68], Aayaan biraas ni buute: {Jedhi: Yaa gabroota kiyya kan ofirratti daangaa dabritan, rahmata Rabbi irraa abdii hin kutatinaa} [Zumar: 53]
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Hanga aduun karaa dhiha isiitiin baatutti qiyaamaan hin dhaabbatu, yeroo achiin baatetti namoonni isii argan hundi isaaniituu ni amanu, sun yeroo (Rabbiin akka qur'aana isaa keessatti jedhetti): {lubbuu sana dura hin amanin, yookaan iimaana isii keessatti toltuu hin hojjatin tokko iimaanni isii homaa isii hin fayyanneedha} [Al-an'aam: 158] dhugumatti namoonni lama huccuu isaanii gidduu isaaniitti gurgurtaaf jecha diriirsanii osoo isaan wal irraa hin bitinii fi osoo isaan hin maratin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namichi aannan dhuguuf jecha gaala isaa elmatee osoo inni hin dhugin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namni tokko naanniga isaa sirreeffatee ka'ee osoo inni irraa hin obaasin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti tokkoon keessan nyaata isaa afaan isaatti ol fudhatee ka'ee osoo inni isa hin nyaatin qiyaamaan dhaabbatti".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa? Rabbumaa fi ergamaa isaatu beekan jedhe. ergamaanis ni jedhani: «yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa?» ni jedhe: akkanan jedhe: {ALLAAHU LAA ILAAHA ILLAA HUWA AL-HAYYU AL-QAYYUUM} [Al-baqaraa: 255], ni jedhe: ergamaanis qoma koo keessa rukutuun akkas jedhani: «Rabbiinan kakadha beekumsi si haa gammachiisu yaa abal munzir».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama, waamaan tokko: yaa warra jannataa, jedhee waama, isaanis hiixatanii ilaalu, kana beektuu? jedhaan, isaanis eeyyeen, kun du'a jedhuun, hundi isaaniituu dhugaan isa arganiiru, eegasii yaa warra ibiddaa jechuun waama, isaanis hiixatanii ilaalu, kana beektuu? jedhaan, isaanis ni jedhu: eeyyeen, kun du'a, hundi isaaniituu dhugumaan isa arganiiru, innis(duutis) ni gorra'ama eegasii ni jedha, yaa warra jannataa yeroo hunda jiraachuudha duuti hin jiru, yaa warra ibiddaa yeroo hunda jiraachuudha duuti hin jiru, eegasii aayaa tana ni qara'an: {Haala isaan daguu keessatti ta'aniin osoo isaan hin amanin yeroo dhimmichi murtaa'u, guyyaa gaabbii san isaan sodaachisi} [suuraa maryam: 39], isaan kun daguu worra duuniyaa keessa jiru {isaan hin amananu} [suuraa maryam: 39]".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala isaanii hunda irratti Rabbiin zaakkaru ture.
Sahiiha Muslimtu gabaase