Mufarridoonni darban
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- karaa Makkaa irra deemaa osoo jiranuu, gaara tokko kan Jumdaan isaan jedhamu bira darbanii, Akkana jedhani: «Deemaa, kuni Jumdaanii, Mufarridoonni darban» ni jedhan (sahaabonni): Mufarridoota jechuun maal jechuudha yaa Ergamaa Rabbii? Akkas jedhan: «Isaan dhiirotaa fi dubartoota yeroo baay’ee Rabbiin zakkarani».
كَانَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَسِيرُ فِي طَرِيقِ مَكَّةَ، فَمَرَّ عَلَى جَبَلٍ يُقَالُ لَهُ جُمْدَانُ، فَقَالَ: «سِيرُوا هَذَا جُمْدَانُ، سَبَقَ الْمُفَرِّدُونَ» قَالُوا: وَمَا الْمُفَرِّدُونَ يَا رَسُولَ اللهِ؟ قَالَ: «الذَّاكِرُونَ اللهَ كَثِيرًا وَالذَّاكِرَاتُ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- sadarkaa namoota yeroo baay’ee Rabbiin zakkaranii ibsani, akkasumas isaan dhugumatti akka adda ta’anii fi jannata qananii keessatti sadarkaalee ol aanoo argachuun namoota biroo akka dursan ibsanii, gaarreen biroo irraa adda kan ta'e gaara Jumdaanitti isaan fakkeessan.
Yeroo baay’ee Rabbiin zakkaruu fi zikrii kanaan yeroo hunda qabamuun jaalatamaa akka ta'eedha, sababni isaas Aakhiraatti dursa argachuun kan danda’amu heddummina kheyritii fi ibaadaa keessatti Rabbiif qulqulleessuuni.
Rabbiin zakkaruun arraba qofaan ta'a, ykn qalbii qofaan ta'a, ykn arrabaa fi qalbii walitti qabuun raawwatama, inni irra ol aanaa sadarkaati.
Zikrii irraayi zikriiwwan shari'aa kan yeroon daangeffaman, kan akka zikrii ganamaa, galgalaa fi zikriiwwan salaataawwan dirqama ta'anii fi kanneen biroo boodatti jedhaman.
Nawawiin akkana jedhe: sadarkaan zikrii , Subhaanallaah, Laa ilaaha illallaah, Alhamdulilaah, Allaahu aAkbar fi kkf jechuu qofaan kan daangeffamuu mitii beeki, namni Rabbii ol ta'eef abboomamuun hojjetu hundinuu zikrii akka waan godhetti lakkaa'ama.
Rabbiin zakkaruun sababoota gurguddoo ragga'iinsaa keessaa isa tokkodha. Rabbiin akkas jedhe: (Yaa warra amantan yeroo garee (diinaa) tokkoon wal qunnamtan akka milkooftaniif jecha ragga'aatii yeroo baay’ee Rabbiin zakkaraa) [Suuraa Anfaal :45]
Warra Rabbiin zakkaranii fi gaara Jumdaan wal bira qabuun waan biroo irraa adda ta'uu fi fageenya keessatti; Akkuma warra Rabbiin zakkaruu, gaarri Jumdaan gaarreen biroo irraa adda, akkuma sani warri Rabbii ol ta'e zakkaran, waan biroo irraa adda ta'aa jechuun osoo nama keessa jiraatillee inni isa qalbii isaati fi arraba isaatin Rabbii isaa zakkaruun kophaa bahee, Yeroo kophummaa isaatti booharee, yeroo baay'ee namootatti makamuu irraa kophummaan kan itta dhaga'amuudha. Warra Rabbiin zakkaranii fi gaara jumdaan walitti fakkeessuun akkuma gaarreen ragga'insa lafaatif sababaa ta’an, zikriinis namichi Rabbiin zakkaru amantii irratti ragga'uuf sababaa ta'a jechuufi. Yookaan duuniyaa fi aakhiraatti kheyrii keessatti dursuun ta'a, akkuma namichi Madiinaa irraa gara Makkaa imalu yeroo Jumdaan gahe sun mallattoo Makkaan gayuuti fi namni isa bira gaye dursaa ta'utti akkuma sani namichi Rabbii ol ta'e zakkaru zikrii heddummeessuun nama biroo dursaa ta'a, Rabbiitu waan hunda caalaa beeka.
Sahiiha Muslim (4/ 2062) (2676).
Dabalata (8)
نزهة المتقين.
لمجموعة من الباحثين (2/ 983).
تيسير الكريم الرحمن في تفسير كلام المنان.
لابن سعدي (ص665).
بهجة الناظرين.
لسليم الهلالي (2/ 510).
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (5/ 516).
Cited in books
5 BooksDabalata (5)
- الذكر والدعاء والعلاج بالرقي من الكتاب والسنة"سبق المفرِّدون" قالوا: وما المفردون يا رسول الله! قال: "الذاكرون الله كثيراً والذاكرات".
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالحعن أبي هريرة رضي الله عنه قال: كان رسول الله صلى الله عليه وسلم يسير في طريق مكة، فمرّ على جبل يقال له: جمدان، فقال: “سيروا هذا جمدان، سبق المفردون”.
- رسالة في الأذكار1«سَبَقَ المُفَرِّدُونَ». قالوا: وما المفرِّدون يا رسولَ الله؟ قال: «الذَّاكِرُونَ اللهَ كَثِيرًا وَالذَّاكِرَاتُ».
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 7«سَبَقَ المُفَرِّدُونَ» قالوا: وَمَا المُفَرِّدُونَ يا رَسُولَ الله؟ قَالَ: «الذَّاكرونَ اللهَ كثيراً والذَّاكراتُ».
- نبراس طالب (1)1«سَبَقَ الْمُفَرِّدُونَ» قَالُوا: وَمَا الْمُفَرِّدُونَ يَا رَسُولَ اللهِ؟ قَالَ: «الذَّاكِرُونَ اللهَ كَثِيرًا وَالذَّاكِرَاتُ»