Skip to content

«Rabbiin gabricha (isa) sodaataa, of ga'aa, dhokataa ta'e jaallata».

Sa'ad ibnu Abii Waqqaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e jedhe:

«Rabbiin gabricha (isa) sodaataa, of ga'aa, dhokataa ta'e jaallata».

«إِنَّ اللهَ يُحِبُّ الْعَبْدَ التَّقِيَّ الْغَنِيَّ الْخَفِيَّ».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin garii gabroota isaa akka jaallatu ibsani. isaan keessaa: sodaataa: ajaja Rabbii kan hojii irra oolchu, waan inni dhoorgu irraa kan fagaatudha. akkasuma of ga'aa ni jaallata: isa namoota irraa Rabbii guddaan of ga'e, gara isaa malee gara nama biraa kan hin millanne. akkasuma dhokataa ni jaallata: kan of gadi qabee Rabbii isaa gabbaru, waan isaa fayyaduun kan qabame, isa namni isa baruun yookaan faaruudhaan isa irraa dubbachuun isa hin yaachifne.

Hiika jechchootaa

....:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

haala garii kan jaalala Rabbii gabroota isaatiif argamsiiftu ibsuutu keessa jira, isiin sodaa Rabbii, of gadi qabuu fi waan Rabbiin namaaf qoode jaallachuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (4/ 2277) (2965).

Dabalata (9)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 651).

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين.

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (1/ 509).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (3/ 509).

شرح النووي على مسلم (18/ 100).