Skip to content

Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati".

Aa'ishaa Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- Faaximaan binti Abii Hubeysh Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jettee gaafatte:

Ani istihaadaa (dhiiga dhukkubaa) qaba, isa irraa hin qulqullaa'u, kanaafuu Salaata dhiisuun naa ni eeyyamamaa? isaanis akkana jedhan: “Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati".

إِنِّي أُسْتَحَاضُ فَلاَ أَطْهُرُ، أَفَأَدَعُ الصَّلاَةَ؟ فَقَالَ: «لَا، إِنَّ ذَلِكِ عِرْقٌ، وَلَكِنْ دَعِي الصَّلاَةَ قَدْرَ الأَيَّامِ الَّتِي كُنْتِ تَحِيضِينَ فِيهَا، ثُمَّ اغْتَسِلِي وَصَلِّي».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Faaximaa binti Hubeyishii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jettee gaafatte: Dhiigni narraa dhaabbachuu dhabuu irraa kan ka'een yeroo dhiiga ji'aa irra hin jirrellee itti fufa, murtiin sanaa murtii dhiiga ji'aa ta'uu danda'aa, sababaa isaatiin salaata kanan dhiisu? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: inni dhiiga istihaadaati, innis dhiiga dhukkubaa kan citiinsa hidda wahii kan gadameessa keessa jiru irraa argamuudha, Osoo dhiigni dhukkubaa sitti hin dhufiniin duratti akka Aadaa tee tan ji'atti yeroon dhiigni ji'aa isa keessatti sitti dhufu yeroo dhufe salaata, soomaa fi wantoota biroo kan isaan fakkaatan kan yeroo dhiiga ji'aa dubartiin dhiigni ji'aa itti jiru irraa dhoorgamtu dhiisi. Yeroo yeroon sun dhumetti ati dhiigni ji'aa sirraa dhaabbate waan ta'eef iddoo dhiigaa sana dhiqi, eegasii xurii ofirraa kaasuuf jecha dhiqannaa guutuu ta'e qaama kee dhiqadhu, eegasii salaati.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Guyyoonni dhiiga ji'aa yeroo xumuramanitti qaama guutuu dhiqachuun dubartii irratti dirqama ta'uudha.

Dubartii dhiigni dhukkubaa itti jiru irratti salaanni dirqama ta'uudha.

Dhiiga ji'aa jechuun: Dhiiga uumamaa gadameessaan karaa qaama saalaa dubartii ballaghtee baasuudha, guyyoota beekamoo ta'an keessatti itti dhufa.

Dhiiga dhukkubaa jechuun: Dhiiga yeroo malee gadaameessaa gara irraa gadiitii yaa'uudha.

Garaagarummaan gidduu dhiiga ji'aatii fi dhiiga dhukkubaa jiru: Dhiigni ji'aa gurraacha furdaa hafuurri isaa ajaa qabuudha, dhiigni dhukkubaa immoo dhiiga diimaa haphii hafuura ajaayu hin qabneedha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 72) (325).

Sahiiha Muslim (1/ 262) (333).

Dabalata (6)

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

للبسام (ص77).

الإلمام بشرح عمدة الأحكام.

لإسماعيل الأنصاري (1/ 63).

خلاصة الكلام شرح عمدة الأحكام.

لفيصل آل مبارك (ص40).