"Namni wolitti nama naqu (diru) jannata hin seenu".
Huzayfaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
"Namni wolitti nama naqu (diru) jannata hin seenu".
«لَا يَدْخُلُ الْجَنَّةَ قَتَّاتٌ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni gidduu namootaa balleessuuf jecha haasawa gidduu isaaniitti oliif gadi geessu inni adabamuu haqa godhata jannata seenuu dhabuudhaan jechuudha himan.
...:
Namiimummaan (gidduu namootaa balleessuuf jecha haasawa oliif gadi hafarsuun) badiiwwan gurguddoo irraayi.
Dhuunfaa fi gareewwan gidduutti balleessuu fi miidhuun waan isii keessa jiruuf namiimummaa irraa dhoorguudha.
Sahiiha Bukhaarii (8/ 17) (6056).
Sahiiha Muslim (1/ 101) (105).
Dabalata (8)
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (6/ 145).
فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.
لابن عثيمين (6/ 401).
توضيح الأحكام من بلوغ المرام.
للبسام (7/ 452).
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (10/ 273).