"Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba".
Abuu Addardaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan:
"Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba".
«مَا شَيْءٌ أَثْقَلُ فِي مِيزَانِ الْمُؤْمِنِ يَوْمَ القِيَامَةِ مِنْ خُلُقٍ حَسَنٍ، وَإِنَّ اللَّهَ لَيُبْغِضُ الفَاحِشَ البَذِيءَ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu'uminaa keessatti hojiilee fi jechoota irraa wanni irra ulfaatu amala gaarii akka ta'e himan, sunis fuula namatti diriirsuu, nama miidhuu irraa of qabuu fi waan gaarii hojjechuudhaan. Rabbiin ol ta'e nama gochaa fi dubbii isaa keessatti fokkataa ta'e, kan waan arraba isaatiin dubbatu keessatti baalagee ta'e ni jibba.
...:
Sadarkaa amalli gaariin qabuudha; sababni isaas inni Jaalala Rabbiiti fi jaalala gabroota Isaa abbaa isaa waam dhaalchisuuf jecha, inni guyyaa qiyaamaa keessatti irra guddaa waan madalamuuti.
Sunana Abbaa Daawuud (7/ 177) (4799).
Sunana Tarmizii (3/ 535) (2002).
Dabalata (10)
توضيح الأحكام من بلوغ المرام.
لعبد الله البسام (7/ 487).
منحة العلام شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (10/ 264).
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (1/ 673).
تطريز رياض الصالحين.
لفيصل آل مبارك (ص410).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
مجموعة من الباحثين (1/ 526).