«Irra caalaan Diinaara namichi baasuu Diinaara maatii isaaf baasu, Diinaara namichi karaa Rabbii irratti yaabbii isaaf baasuu fi Diinaara karaa Rabbii keessatti hiriyyoota isaaf baasuudha»
Sawbaan irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Irra caalaan Diinaara namichi baasuu Diinaara maatii isaaf baasu, Diinaara namichi karaa Rabbii irratti yaabbii isaaf baasuu fi Diinaara karaa Rabbii keessatti hiriyyoota isaaf baasuudha» Abuu Qilaabaan akkas jedhe: maatiin jalqaban, Ergasii Abuu Qilaabaan akkas jedhe: Nama ijoollee xixiqqoo maatii isaa irratti qabeenya baasu, kan nama kadhachuu irraa tiksu, ykn kan Rabbiin isaan isaan fayyadee isaan duroomsu irra nama kamtu mindaa guddaa qaba?
«أَفْضَلُ دِينَارٍ يُنْفِقُهُ الرَّجُلُ، دِينَارٌ يُنْفِقُهُ عَلَى عِيَالِهِ، وَدِينَارٌ يُنْفِقُهُ الرَّجُلُ عَلَى دَابَّتِهِ فِي سَبِيلِ اللهِ، وَدِينَارٌ يُنْفِقُهُ عَلَى أَصْحَابِهِ فِي سَبِيلِ اللهِ» قَالَ أَبُو قِلَابَةَ: وَبَدَأَ بِالْعِيَالِ، ثُمَّ قَالَ أَبُو قِلَابَةَ: وَأَيُّ رَجُلٍ أَعْظَمُ أَجْرًا مِنْ رَجُلٍ يُنْفِقُ عَلَى عِيَالٍ صِغَارٍ، يُعِفُّهُمْ أَوْ يَنْفَعُهُمُ اللهُ بِهِ وَيُغْنِيهِمْ.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gosoota baasii ibsanii, karaan baasii itti baasan garmalee yoo baay’ate, akkaataa irra dirqamaatin ishee qindeessanii, wanta hunda caalaa barbaachisaa taʼee fi kan itti aanun jalqabaniiru. Qabeenyi mindaa baay’ee qabu isa Muslimni nama isa deeggaruun dirqama irratti ta’e kan akka haadha manaa fi ilmoo irratti baasuu akka ta’e himaniiru. Sana booda yaabbii karaa Rabbii irratti waraanaaf qophaa'ef baasii gochuudha. Ergasii warra karaa Rabbii irratti qabsaa'an hiriyyoota isaa irratti baasii gochuudha.
Baasii karaa armaan olitti ibsameen tartiibessuu fi yeroo wanti irratti baasii godhan baay'ate wantoota kanneen eeguun barbaachisaa akka ta'eedha.
Baasii maatii ofiitif dursa kennuun namoota biroo caalaa sadarkaa akka qabu ibsuudha.
Karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu irratti baasii baasuun irra caalaa baasii akka ta'eedha, sunis meeshaa fi namoota jihaadaaf akka qopheessuuti.
Akkana jedhame: Karaa Rabbii jechuun wanta gocha Rabbiif ajajamuu hunda, fakkeenyaaf kan akka Hajjiiti.
Sahiiha Muslim (2/ 691) (994).
Dabalata (8)
كنوز رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (5/ 315).
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (3/ 156).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (1/ 291).
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (1/ 374).
Cited in books
3 BooksDabalata (3)
- الإسلام - نبذة موجزة عن الإسلام (مشتملة على الأدلة)«أَفْضَلُ دِينَارٍ يُنْفِقُهُ الرَّجُلُ: دِينَارٌ يُنْفِقُهُ عَلَى عِيَالِهِ وَدِينَارٌ يُنْفِقُهُ الرَّجُلُ عَلَى دَابَّتِهِ فِي سَبِيلِ اللهِ وَدِينَارٌ يُنْفِقُهُ عَلَى أَصْحَابِهِ فِي سَبِيلِ اللهِ». قَالَ أَبُو قِلَابَةَ: " وَبَدَأَ بِ
- رسالة موجزة عن الإسلام كما جاء في القرآن الكريم والسنة النبوية (مشتملة على الأدلة)رِسَالَةٌُ مُوجَزَةٌُ عَنِ الْإِسْلَامِ كَمَا جَاءَ فِي الْقُرْآنِ الْكَرِيمِ وَالسَّنَةِ النَّبَوِيَّة-مشتملة على الأدلة -للحرمين-«أَفْضَلُ دِينَارٍ يُنْفِقُهُ الرَّجُلُ: دِينَارٌ يُنْفِقُهُ عَلَى عِيَالِهِ، وَدِينَارٌ يُنْفِقُهُ الرَّجُلُ عَلَى دَابَّتِهِ فِي سَبِيلِ اللهِ، وَدِينَارٌ يُنْفِقُهُ عَلَى أَصْحَابِهِ فِي سَبِيلِ اللهِ» قَالَ أَبُو قِلَابَةَ: "وَبَدَأَ بِ
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 2«أَفْضلُ دِينَارٍ يُنْفِقُهُ الرَّجُلُ دينَارٌ يُنْفِقُهُ عَلَىٰ عِيَالِهِ، وَدِينَارٌ يُنْفِقُهُ عَلَىٰ دَابَّتِهِ في سَبيلِ الله، وَدِينَارٌ يُنفِقُهُ عَلَىٰ أصْحَابِهِ في سَبِيلِ الله».