Skip to content

«Namichi haala isa herregatuun maatii isaatiif yoo baase inni isaaf sadaqaadha».

Abuu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Namichi haala isa herregatuun maatii isaatiif yoo baase inni isaaf sadaqaadha».

«إِذَا أَنْفَقَ الرَّجُلُ عَلَى أَهْلِهِ يَحْتَسِبُهَا فَهُوَ لَهُ صَدَقَةٌ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namichi maatii isaa kan isaaniif baasii baasuun isa irratti dirqama ta'u, kan akka haadha manaa isaa, haadhaaf abbaa isaa, ilmaaan isaa fi kanneen biroo haala Rabbitti ittiin dhihaachuu fi mindaa waan baasu sanaa haala isa irratti herregatuun baasii yoo isaaniif baase, mindaan sadaqaa akka isaaf jiru himan.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Kenna maatii isaatiif kennuun mindaan akka argamuudha.

Mu'uminni hojii isaa keessatti fuula Rabbiitii fi mindaa isa bira jiru barbaada.

Hojii hunda keesatti niyyaa bareedduu of duratti godhachuutu barbaachisa, sana keessaa yeroo maatiif baasii baasanutti.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 20) (55).

Sahiiha Muslim (2/ 695) (1002).

Dabalata (8)

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (5/ 334).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (3/ 157).

نزهة المتقين بشرح رياض الصالحين.

لمصطفى الخن وغيره (1/ 293).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

سليم الهلالي (1/ 375).