Skip to content

"Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola".

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:

"Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola".

«لاَ تَقُومُ السَّاعَةُ حَتَّى يَمُرَّ الرَّجُلُ بِقَبْرِ الرَّجُلِ فَيَقُولُ: يَا لَيْتَنِي مَكَانَهُ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga namni tokko qabrii bira darbee bakka abbaa qabrii sanaa ofii du'uu hawwutti qiyaamaan akka hin taane himan, Sababni isaas sababaa cubbuu fi warri cubbuu ol'aantummaa argatanii fitnaan adda addaatii fi badiiwwan muldhachuutiin amantii isaa dhabuu irraa sodaachuu isaati.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Dhuma yeroo irratti dilii fi fitnaan adda addaa akka muldhatan akeekuudha.

Iimaana fi hojiilee gaggaarii hojjachuu fi iddoolee fitnaa fi balaa adda addaa irraa fagaachuun of eeggannoo gochuu fi du'aaf qophaa'urratti kakaasuudha. ​

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (9/ 58) (7115).

Sahiiha Muslim (4/ 2231) (157).

Dabalata (4)

إكمال المعلم (8/451).

شرح ابن بطال (10/58).

الإفصاح عن معاني الصحاح (6/295).

البحر المحيط الثجاج في شرح صحيح الإمام مسلم بن الحجاج (44/ 388).