«Namni duuniyaatti hariira offate aakhiraatti isa hin offatu».
Umar irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: nabiyyiin -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni duuniyaatti hariira offate aakhiraatti isa hin offatu».
«مَنْ لَبِسَ الحَرِيرَ فِي الدُّنْيَا لَمْ يَلْبَسْهُ فِي الآخِرَةِ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhiirotii irraa namni duuniyaa keessatti hariira offate, yoo irraa hin toobatin adaba isaatiif jecha aakhiraatti akka isa hin offanne ibsan.
Hariira jechuun wonti itti fedhame, hariira uumamaa qulqulluu ta'edha, hariirri worshaan hojjatame hadiisicha keessa hin seenu.
Dhiira irratti hariira offachuun haraama ta'uu isaa.
Hariira offachuu irraa dhoorguun offachuu fi afachuus ni qabata.
Dhiirotaaf garii hariiraa huccuu irratti quba lamaa hanga quba afurii kan hin darbine kan faaya yookaan huccuudhaaf xarafa ta'u ni eeyyamamaaf.
Sahiiha Bukhaarii (7/ 150) (5834).
Sahiiha Muslim (3/ 1641) (2069).
Dabalata (2)
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (4/ 207).