Skip to content

"Irra caalaan zikriidhaa: "Laa ilaaha illallaah" jechuudha, irra caalaan kadhaadhaa immoo: "Alhamdulillaah" jechuudha".

Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhanin dhaga'e:

"Irra caalaan zikriidhaa: "Laa ilaaha illallaah" jechuudha, irra caalaan kadhaadhaa immoo: "Alhamdulillaah" jechuudha".

«أَفْضَلُ الذِّكْرِ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَفْضَلُ الدُّعَاءِ: الْحَمْدُ لِلهِ».

Tirmizii, Nasaa'iin Kubraa keessattii fi Ibnu Maajaatu gabaasan
Hasani
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumaan irra caalaan zikrii ''Laa ilaaha illallaah'' akka ta'e himan, hiikkaan isii haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha, akkasumas dhugumaan irra caaalaan kadhaa "Alhamdulillaah'' jechuu akka ta'e himan; isiinis qananiisaan Rabbuma -qulqullaa'e- kan sifa guutuu bareedaa haqa godhate jedhanii amanuudha.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Jecha tawhiidaatiin Zikrii Rabbii gochuu fi Alhamdulillaah dhaan kadhachuu heddummeessuutti kakaasuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Tarmizii (5/ 393) (3383).

Dabalata (4)

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمصطفى الخِن وغيره (2/ 984).

زاد المعاد في هدي خير العباد.

ابن قيم الجوزية (1/ 36).