Skip to content

«Tarree keessan qajeelchaa, tarree qajeechuun salaata guutuu irraayi».

Anas bin Maalik irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

«Tarree keessan qajeelchaa, tarree qajeechuun salaata guutuu irraayi».

«سَوُّوا صُفُوفَكُمْ، فَإِنَّ تَسْوِيَةَ الصَّفِّ مِنْ تَمَامِ الصَّلَاةِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namoota salaatan tarree isaanii akka qajeelfatan, akka wal hin dabarree fi akka wal duubatti hin hafne ajajan, tarree qajeelchuun salaata guutuu irraa akka ta’ee fi isa jal'isuun ammoo hanqinaa fi hir'ina akka ta'e ibsaniiru.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Waan salaata guutee hir'ina irraa isa fageessu hundatti yaadda'uun karaa tahuudha.

Ogummaa Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- barsiisuu keessatti qabaniidha, sun kan muldhatu murtii sababaa isaatiin wajjiin wal qabsiisuu isaanii keessatti; Sunis ogummaa wanni tokko karaa godhamuu ibsuu fi lubbuun ajajamuu keessatti akka jajjabaattuuf jecha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 145) (723).

Sahiiha Muslim (1/ 324) (433).

Dabalata (6)

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

للبسام (ص127).

تنبيه الأفهام شرح عمدة الأحكام.

لابن عثيمين (1/ 161).

الإفهام في شرح عمدة الأحكام.

لابن باز (ص173).