Skip to content

«Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti».

Umar ibnu Al-Khaxxaab irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti».

«لَوْ أَنَّكُمْ كُنْتُمْ تَوَكَّلُونَ عَلَى اللهِ حَقَّ تَوَكُّلِهِ لَرَزَقَكُمْ كَمَا يَرْزَقُ الطَّيْرَ تَغْدُو خِمَاصًا وَتَرُوحُ بِطَانًا».

Imaamu Ahmad, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu maajaa, Ibnu Hibbaan -sahiiha isaa keessatti- fi Haakimtu isa gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi ngeenya isaan irratti haa buusu- Dhimmoota amantii fi duuniyaa keessatti bu'aa barbaaduu fi miidhaa deemsisuuf Rabbiin irratti akka hirkannu nu kakaasani, waan -Inni qulqullaa'e ol ta'e- Isa malee kan kennuu fi kan dhoorguu, akkasumas kan miidhuu fi kan fayyadu hin jirreef jecha. Akkasumas sababoowwan bu'aa fidduu fi miidhaa deebistu hojjachuudha, dhugaan Rabbirratti hirkachuu waliin, yeroo sana hojjannetti Rabbiin akkuma allaattii ganama beelaan baatee, eegasii immoo galgala garaa guuttattee deebituuti, hojiin allaattii kun gosa tokko kan sababoowwan rizqii barbaaduu irraa ta'eedha, hirkannaa sobaatii fi hifannaan maletti.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sadarkaa tawakkulli qabuu fi inni sababoowwan guddoo ittiin rizqiin barbaadamu keessaa tokko ta'uu isaati.

Tawakkulli sababoowwan hojjachuun wol hin faallessu, rizqii barbachuu keessatti ganamaan bahanii galgalaa deebi'uun tawakkula dhugaatiin wol akka faallessine waan himaniif jecha.

Shari'aan hojiiwwan qalbiitiif bakka kennuudha, tawakkulli hojiii qalbiiti waan ta'eef.

Sababoowwan qofa irratti rarra'uun hirdhina gama diiniiti, sababoowwan dhiisuun immo hirdhina aqliiti.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Tarmizii (4/ 151) (2344).

Sunana Ibnu Maajaa (5/ 266) (4164).

Musnada Ahmad (1/ 332) (205).

Dabalata (5)

التحفة الربانية في شرح الأربعين حديثًا النووية (ص103).

فتح القوي المتين في شرح الأربعين وتتمة الخمسين.

للعباد (ص152).

الأحاديث الأربعون النووية وعليها الشرح الموجز المفيد.

لعبد الله المحسن (ص91).