Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

52 of 559 cards

Clear filters
Warri kitaabaa afaan ibriyyaatiin tawraatiin qara'anii worra islaamaatiif arabiffatti hiiku turan yoo ta'u, ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buus- akkas jedhani: «Warra kitaabaa hin dhugeessinaas hin sobsiisinaas, {Rabbii fi waan gara keenyatti buufametti amanne} jedhaa, [al-baqaraa: 136]».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
التصنيف الشرعيتفسير الآيات، الكتب السابقةموضوعات الحديثالقرآن وعلومه، الإيمان بالكتب السماوية
“Cubbuuwwan gurguddoon: Rabbitti waan biraa qindeessuu, Haadhaa fi Abbaaf Galata dhabuu, Lubbuu ajjeesuu fi kakuu sobaa kakachuudha”.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
التصنيف الشرعيالأيمان والنذور، ذم المعاصي، الشركموضوعات الحديثعقوق الوالدين، قتل النفس، اليمين الغموس، الشرك بالله وأقسامهمحاور التعريف بالإسلامبطلان الشرك وصوره
"Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha, gidduu isaaniitti wantoota wal fakkaatan kan namoonni hedduun isaan hin beekneetu jiran, namni wal fakkaattuu eeggate amantii fi kabajaa isaatiif qulqullina barbaade, wal fakkaattuu keessa namni bu'e haraama keessa bu'e, inni akka tiksee daangaa cinaatti tiksuuti, isa keessa seenee dheeduutu mala, dhaga'aa! mootii hundaafuu daangaatu jira, dhaga'aa! daangaan Rabbii dhoorgaa Isaati, dhaga'aa! dhugumatti qaama namaa keessa waan akka cittuu fooniitu jira, yeroo isiin tolte qaamni hundi ni tola, yeroo isiin badde immoo qaamni hundi ni bada, dhaga'aa! isiin qalbiidha".
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
التصنيف الشرعيفضائل أعمال القلوب، الأربعون النووية، تزكية النفوس
«Amantiin islaamaa laafaadha, namni tokko humnaa ol isa jabeessee isa injifatu malee hin hafu, giddu galeessa ta'aa, itti dhiheessaa, abshiraa haamilee horadhaa, ibaadaa barii, ibaadaa galgalaa fi hanga ta'e ibaadaa dhuma halkaniitiin of gargaarsifadhaa».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
التصنيف الشرعيخصائص الإسلام وفضله ومحاسنه