Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

35 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- galgalaa fi ganama du'aa'iilee kanneen hin dhiisan ture: «Yaa Rabbi addunyaa fi aakhirattis fayyaa si kadhadha, Yaa Rabbi dhiifamaa fi fayyaa Amantii koo, addunyaa koo, maatii koo fi qabeenya koo keessatti si kadhadha, yaa Rabbi eybii koo naa sattari, sodaa irraa bilisa na baasi, Yaa Rabbi dura koo, duuba koo, mirga koo, bitaa koo fi gubbaa koo na tiksi, bakka ani hin beekne irraa balaa natti dhufu irraan sitti maganfadha».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii, Ibnu Maajaaa fi Ahmadtu gabaasani
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganama guyyaa Aqabaa haala gaala isaanii irratti ta'aniin akkana jedhan: "Dhagaa xixiqqaa akka cirrachaa naaf guuri" dhagaa torba xixiqqan isaanif guure, isaanis dhagaa xixiqqaa akka dhagaa quba lameenin darbataniiti, eegasii isaan(Rasuulli) dhagaalee sana harka isaanii keessatti raasaa akkana jedhan: "fakkaattota isaan kanaatiin darbadhaa", eegasii ni jedhan: "Yaa ormana! amantii keessatti daangaa dabruu irraa fagaadhaa, baraa dhugumatti warra isin dura turan wanni balleesse amantii keessatti daangaa dabruudha".
Sahiiha Ibnu Maajaa, Nasa'ii fi Ahmadtu gabaasan
«Ilmi namaa akka garaa isaattti, qodaa hamaa ta'e kan inn guute hin jiru, ilma namaatiif luqumaawwan muraasni dugda isaa dhaabdu isaaf ga'aadha, quufanii nyaachuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, tokko sadaffaa garaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu».
Sahiiha Imaamu Ahmad, Tirmizii, Nasaa'ii fi Ibnu maajaatu isa gabaasani
«Waan si shakkisiisu dhiisii gara waan si hin shakkisiifnee deemi».
Sahiiha Tirmizii fi Nasaa'iitu gabaasani
«Namoota gosa sadi irraa qalamnni fuudhameera; nama rafu hanga dammaqutti, daa'ima hanga baallaghutti, maraataa hanga sammuun itti deebi'utti».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
"Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu".
Sahiiha Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasani
«Qabeenya keessaniin, lubbuu keessaniinii fi arraba keessaniin mushrikootatti duulaa».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasan
«Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani