Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

36 of 559 cards

Clear filters
«Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti».
Sahiiha Imaamu Ahmad, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu maajaa, Ibnu Hibbaan -sahiiha isaa keessatti- fi Haakimtu isa gabaasani
«Arrabni kee Rabbiin zaakkaruu irraa jiidhaa ta'uu irraa hin deemin».
Sahiiha Ahmad, Tirmizii, Ibnu maajaa fi Ibnu Hibbaantu gabaasani
"Ruqaan, hirzii fi jaallachiistuun shirkiidha".
Sahiiha Abuu Daawuud, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafa tokko nu gidduu dhaabbatanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaattee ijji irraa imimmaan dhangalaafte nu gorsan, eegasii ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii gorsa nama nagaa namatti dhaammatuu nu gorsitanii, nuu dhaamaa, isaanis ni jedhan: "Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa, ilkaan a'ootiin isirratti ciniinaa, wantoota haaraa bid'aa ta'an irraa fagaadhaa, hundummaan bid'aatuu jal’ina waan ta’eef".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Yaa ilmaan namaa salaamataa facaasaa, nyaata nyaachisaa, firooma fufaa, yeroo namni rafu halkaniin salaataa, nagaadhaan jannata seentuutii».
Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
«Hojiilee keessan keessaa irra caalaa isiniif himuu, akkasumas Rabbii keessaniin biratti irra qulqulluu ishee, sadarkaa keessan ol kaasuu keessatti irra ol aantuu ishee, warqee fi meetii kennachuu irra caaltuu kan taate fi diina keessan qunnamtanii morma isaanii rukutuu fi isaanis morma keessan rukutuu irra caaltuu kan taate isiniif himuu?» ni jedhan: Eeyyee. Isaanis ni jedhan: «Rabbii ol ta'e zakkaruudha».
Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
«Bishaan hubboo /gaawwaa lama yoo ga'e najisa/xurii hin baatu (hin Najisaahu)».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
«Nama yeroo sadii akkana jedhe: Maqaa Rabbii kan isa waliin dachii irratti ta’ee samii keessatti wanti nama miidhu hin jirreenin tikfama, inni hedduu dhaga'aadha beekasi, hanga bariisifatutti balaan tasaa isa hin mudatu, nama ganama yeroo sadii isa jedhe immoo hanga galgaleeffatutti balaan tasaa isa hin mudatu», ni jedhe: Abaan bin Usmaan faaliji isa qabee, namichi hadiisa isa irraa dhaga'e isa ilaalee jennaan, akkana jedheen: Maaliif na ilaalta? Rabbiin kakadhee ani Usmaan irratti hin sobne, Usmaanis Nabiyyii irratti hin sobne, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, garuu har'a waan na mudateetu na mudate, sababaa sanaan aarii keessa galee isa jechuu dagadhe.
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan