Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

10 of 559 cards

Clear filters
«Waa afur namni isa keessatti argame munaafiqa tahe, isaan keessaa wanti tokko namni isa keessatti argame hanga isa dhiisutti gosti munaafiqummaa tokko isa keessatti ta'e: nama yeroo dubbatetti kijibu, yeroo beellametti diigu, yeroo falmetti daangaa dabruu fi yeroo waadaa (irbuu) seenetti ganu».
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
«Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Fakkiin munaafiqaa, akka re'ee gidduu tuuta re'ootaa lamaa deemtuuti, yeroo tokko gara isii kanaatti yeroo kaan immoo gara isii sanaati deemti".
Sahiiha Muslimtu gabaase
“Jidduu namichaatti fi jidduu shirkii fi kufritti salaata dhiisuutu jira”.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namni tokko nama biraa faasiqa (kan Rabbiin dide) jedhee yoo darbate(arrabse), akkasumas kufriin yoo isa darbate, wanni sun irratti deebi'u malee hin hafu, yoo namichi inni arrabse sun akkas tahe malee».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Waa afur namni isa keessatti argame munaafiqa qulqulluu ta'e, isaan keessaa wanti tokko namni isa keessatti argame hanga isa dhiisutti gosti munaafiqummaa tokko isa keessatti ta'e: yeroo dubbatetti ni kijiba,yeroo irbuu seenetti ni gana, yeroo beellametti ni diiga, yeroo falmetti daangaa darba».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti halkan irraa rooba roobee ka'e booda salaata fajrii nuun salaatanii, eega salaata xumaraniin booda namootatti garagaluun akkana jedhan: "Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule, namni tola Rabbii fi rahmata Isaatiin roobfamne jedhe inni sun anatti kan amanee fi urjiiwwanitti kan kafareedha, namni sochii urjii akkasii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo, inni sun anatti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene".
Sahiiha Muslimtu gabaase