Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

2 of 559 cards

Clear filters
"Rabbiin toltuu tokkollee mu'umina hin miidhu, duuniyaatti isiidhaan kennama, aakhiratti immoo isiidhaan mindeeffama, kaafirri immoo toltuuwwan Rabbiif jecha hojjateen duuniyaatti nyaachifama, yeroo gara aakhiraatti ce'etti, toltuun isiidhaan mindeeffamu isaaf hin jiru".
Sahiiha Muslimtu gabaase
osoo nuti nabiyyii waliin masjiida keessa teenyee jirruu -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namichi wohii gaala irra taa'ee ol seenee, masjiida keessatti eega jilbeenfachiisee booda isa hidhuun, eegasii isin keessaa eenyu Muhammad? jechuun isaan gaafate, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan gidduutti hirkatanii jiru, nutis namticha adii hirkatee jiru kana jenneen. namtichis: yaa ilma Abdul muxxalib jechuun isaan waame, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «dhugumatti siif owwaadheen jira» jedhaniin. namtichis nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedheen: ani gaaffiin si gaafachuuf deema gaaffii sana keessattis immoo sittan jabeessa, keessoo keetti homaa natti hin qabattuu mitii? isaanis « eeyyeen waan barbaadde na gaafadhu» jedhaniin, namtichis ni jedheen: Rabbii keetii fi Rabbii worra siin duraa ta'eenan si gaafadha, Rabbumatu gara ilma namaa hundatti si ergee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi ni jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu halkanii fi guyyaa keessatti salaata shan akka salaannu si ajajee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, woggaa keessatti baatii kana akka soomannu Rabbumatu si ajajee? isaani «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu qabeenya kana dureessa keenya irraa fuutee rakkataa keenyatti akka qooddu si ajajee? nabiyyiinis -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. namtichis yeruma kana akkas jedheen: waan ati qabattee dhuftetti amaneen jira, ani immoo ergamaa hawaasa koo ana boodaan jiranuuti, ani obboleessa worra banii sa'ad bin Bakir kan ta'e Dimaam bin sa'alabaan jedhama.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan