Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

23 of 559 cards

Clear filters
''Akka nasaaraan ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa dabartetti yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha Rabbii qofa: kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Namichi wohii gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa ergamaa Rabbii! raggaasisoon lameen maali? ergamaanis ni jedhani: "Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene".
Sahiiha Muslimtu gabaase
''Finxaaleyyoonni badan(worra daangaa darban, akka barbaachisuun alatti waa jajjabeessan)" yeroo sadi akkas jedhan.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Sagal ykn saddeet ykn torba taanee Ergamaa Rabbii bira turre, -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Isaanis akkas jedhan:- "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" nuti waadaa eega isaanif seenne hin turre, kanaaf akkas jenneen: yaa Ergamaa Rabbii dhugumatti waadaa siif seenneerra, isaanis eegasii akkas jedhan: "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" nutis akkas jenne: yaa Ergamaa Rabbii dhugumatti waadaa siif seenneerra, ammas akkas jedhan: "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" ni jedhe: harka keenya diriisinee akkana jenne: yaa Ergamaa Rabbii waadaa siif galleerra, mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti" dhugumatti garii namoota sanaa alangeen tokkoo isaanii irraa kufee nama tokkollee akka isa isaaf laatu kan hin gaafanne ta'uudhan arge.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Mana saree fi suuraan keessa jiru malaa'ikaan hin seentu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- gara Hunaynitti yeroo bahan muka mushrikootaa tan meeshaa waraanaa itti fannifatan tan zaatu anwaax(bakka waa itti fannifatan) jedhamtu tokko bira darban, akkas jedhaniin (sahaabonni): Yaa ergamaa Rabbii akkuma isaan zaat anwaaxin qaban, nuufis zaat anwaax godhi, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan: Rabbiin qulqullaaye! Kuni akkuma ummatni Muusaa isaan jedhani:(Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi} [Al-A'araaf: 138] Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu".
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
"Waan Rabbii fi ebalu fedhe hin jedhinaa, garuu akkana jedhaa: Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ebalu fedhe".
Sahiiha walitti qabama karaalee isaatiin Abuu Daawuud, Nasaa'iin Kubraa keessattii fi Ahmadtu gabaasan
''Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa".
Sahiiha Muslimtu gabaase