Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

4 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- gara Hunaynitti yeroo bahan muka mushrikootaa tan meeshaa waraanaa itti fannifatan tan zaatu anwaax(bakka waa itti fannifatan) jedhamtu tokko bira darban, akkas jedhaniin (sahaabonni): Yaa ergamaa Rabbii akkuma isaan zaat anwaaxin qaban, nuufis zaat anwaax godhi, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan: Rabbiin qulqullaaye! Kuni akkuma ummatni Muusaa isaan jedhani:(Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi} [Al-A'araaf: 138] Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu".
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
"Waan Rabbii fi ebalu fedhe hin jedhinaa, garuu akkana jedhaa: Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ebalu fedhe".
Sahiiha walitti qabama karaalee isaatiin Abuu Daawuud, Nasaa'iin Kubraa keessattii fi Ahmadtu gabaasan
Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi.
Sanadni isaa hasani رواه ابن ماجه والنسائي في الكبرى وأحمد
Tuutni namootaa takka gara Ergamaa Rabbiitti dhufanii, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, nama sagal ahdii godhanii, nama tokko dhiisanii jennaan, isaanis akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii nama sagal ahdii gootee isa kan dhiistee? Isaanis akkana jedhan: “inni qaxxasa/asmaa qaba”, isaan akkas jennaan namichi harka isaa keessa galchee ishee kute, sana booda Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- isa ahdii godhanii, akkana jedhan: “Namni qaxxasa/asmaa rarraafate shirkii raawwateera”.
Hasani Ahmadtu gabaase