Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

7 of 559 cards

Clear filters
«Tarree keessan qajeelchaa, tarree qajeechuun salaata guutuu irraayi».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Yaa Rabbi qabrii koo taabota hin taasisin, Rabbiin ummata qabrii Nabiyyoota isaanii masjiida taasifatan abaaree jira".
Sahiiha Ahmadtu gabaase
“Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha jechuudha”.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Usmaan bin Affaan masjiida ijaaruu barbaade, garuu namoonni sana jibbanii, akkuma jirutti akka isa dhiisu jaallatan, ni jedhe: Ani Rasuula Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhu dhaga'e: "Namni Rabbiif jecha masjiida tokko ijaare, Rabbiin jannata keessatti waan isa fakkaatu isaaf ijaara".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Tokkoon keessan yeroo masjiida seene osoo hin taa’in raka’aa lama haa salaatu”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ummu Salaamaan Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bataskaana Maariyah jedhamtu biyya Habashaa keessatti argite dubbatte, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessatti argite itti himte. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Isaan sun ummata yeroo gabrichi gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani warri sun Rabbiin biratti irra badoo uumamaati”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Masjiida kiyya kana keessatti salaanni tokko Masjiida biraa irra mindaa salaata kuma tokkootin caala, Al-Masjiidal Haraam malee".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan