Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

36 of 559 cards

Clear filters
«Eenyu hiyyeessa akka ta'e beektuu?» nu keessatti hiyyeessa jechuun nama dirhamas(maallaqaa) meeshaas hin qabne jedhani, ergamaanis ni jedhani: «ummata koo irraa hiyyeessa jechuun nama guyyaa qiyaamaa salaata, soomaa fi zakaan dhufee, isa kana arrabsee, isa kana immoo maqaa xureessee waan inni hin qabne irra kaa'ee, qabeenya isa kanaa immoo nyaatee, dhiiga isa kanaa immoo dhangalaasee, isa kana immoo rukutee kan dhufeedha, inni kun toltuu isaa irraa kennamaaf, isa kanaafis toltuu isaa irraa kennamaaf, waan isa irra jiru kaffalee osoo hin fixin toltuun isaa yoo dhumte immoo, badiin isaanii irraa fuudhamee isa irratti fe'amee, eegasii ibiddatti darbama».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha, kubbaayyaan isaa akka urjii samiiti, namni isii irraa dhuge tasuma hin dheebotu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«‌Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'ee mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu, jabeenya jabaatiin, ykn xiqqeenya xiqqaatatiin, Jabeenya Rabbiin Islaamummaa ittiin jabeessu fi xiqqeenya Rabbiin kufrii ittiin xiqqeessu» Tamiima Al-daariin akkana kan jedhu tahe: jecha kana ani warra kiyya keessatti dhugumatti argeera, Nama isaan irraa Islaamummaa qabate dhugumatti kheyriin, kabajaa fi jabeenyi isa mudateera, Isaan keessaa nama kaafira tahe ammoo salphinni, xiqqeenyi fi gibirri dhugumatti isa mudateera.
Sahiiha Ahmadtu gabaase
"Rabbiin tokkicha hiriyaa hin qabnee, Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaatii, Iisaanis garbicha Rabbiitii fi Ergamaa Isaatii, inni ammas dubbii Rabbiin gara Maryamitti darbee fi inni hafuura Isa irraa ta'ee, Jannanni dhugaadhaa, ibiddiis dhugaadhaa namni ragaa bahe Rabbiin hojii irraa hanqinuma inni qabuun waliin Jannata isa galcha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan