Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

25 of 559 cards

Clear filters
Gaafa Abuu Xaalibitti duuti dhufte Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu gara isaatti dhufanii isa biratti Abuu Jahlii fi Abdullaah bin Abii Umayyah bin Al-Mughiirah argan, eegasii akkana jedhaniin: "Yaa abbeeraa koo jedhi: Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, jecha Rabbiin biratti isaan siif mormu jedhi", Abuu Jahlii fi Abdullaah bin Umayyaas akkas jedhaniin: Karaa Abdul muxxalib irraa of duuba deeb'uu barbaaddaa? Ergamaanis nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu jecha sana isa irra fiduu irraa hin deemne, isaanis akkas jechuu deddeebisuu hin dhiifne, hanga Abuu xaalib jecha xumurarratti isaan dubbise keessatti akkana jedhuutti: Ani karaa Abdul muxxalib irra jira, Laa ilaaha illallaah jechuu ni dide, ni jedhe (Al-musayyib): Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkas jedhaniin: "Rabbiin kakadhee hangan sirraa hin dhoorgaminitti araarama siif kadhadha", eegasii Rabbiin aayaa akkas jedhu buuse: {Mushrikootaaf araarama kadhachuun Nabiyyii fi warra amananiif hin malu} [Tawbaa: 113], Waa’ee Abuu xaalib keessatti Rabbiin aayaa buusuun Ergamaa Isaatiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhe: {Ati Nama jaallattu hin qajeelchitu, garuu Rabbiitu nama fedhe qajeelcha} [Qasas 56].
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Humna qaama namaa hunda sadaqaatu irratti jira guyyaa aduun baatu hundakeessatti. nama lama jidduutti araara buusuun sadaqaadha, yaabbii isaa irratti namicha gargaaruun, gargaartee isa yaabbachiisuun yookaan meeshaa isaa ol fuutee irra kaa'uun sadaqaadha, jechi gaariin sadaqaadha, tarkaanfiin gara salaataatti deemtu hunduu sadaqaadha, karaa irraa waan nama rakkisu kaasuunis sadaqaadha».
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa injifannoo Makkaa ummata gorsanii akkas jedhan: "Yaa Ilmaan namaa! Rabbiin ba’aa wallaalummaa fi abbaa ofiitin of tuuluu isin irraa buqqiseera. Namoonni bakka lamatti qoodamu: Nama Qajeelaa Rabbiin sodaatu kan Rabbiin biratti kabaja qabuudha, kaan ammoo Nama gadhee jallaa Rabbiin biratti xiqqaataadha. Namoonni ilmaan Aadami, Aadam ammoo Rabbiitu biyyee irraa isa uume, Rabbiin akkas jedhe: {Yaa Ilmaan namaa! Nuti dhiiraa fi dubartii irraa isin uumne, akka isin wal beektaniif jecha sabootaa fi gosoota isin taasifne, Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan irra Rabbiin sodaataa keessani, Rabbiin beekaa keessaa hubataadha} [Al-Hujuraati: 13].
Sahiiha Tirmizii fi Ibnu Hibbaantu gabaasani
"Fakkeenyi nama daangaa Rabbii irra dhaabbatuu fi nama daangaa sana keessatti argamuu, akka fakkeenya ummata doonii irratti hixaa buufatanii, gariin isaanii gubbaa doonii argatanii, gariin immoo jala ishee argataniiti. Eegasii warri jalaa bishaan yeroo barbaadan warra isaan gubbaa jiran irra darbanii waan waraabbataniif jecha ni jedhan: warra nu gubbaa osoo miidhuu baannee, qooduma keenya kana keessan qaawa baafannee, yoo jarri kuun jara kanaa fi waan isaan barbaadan itti dhiisan hundi isaanituu ni halaakaman, yoo harka isaanii qaban immoo isaan kun nagaa bahanii, isaan hundinuu nagaa bahu". ​
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
"Aayaa tokkollee taatu ana irraa geessaa, ilmaan israa'iil irraas odeessaa badii hin qabuutii, namni beekaa ana irratti sobe ibidda keessatti teessuma isaa haa mijjeeffatu".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
"Haqa walii galaatiin of jaallachuu fi wantoonni hedduun isin isii mormitan ta'uuf taa'an" Sahaabonnis akkana jedhanii gaafatan: Yaa Ergamaa Rabbii yeroo sana maalitti nu ajajju? isaanis ni jedhan: "Haqa isin irra jiru raawwataniiti haqa keessan Rabbiin kadhattan".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
osoo nuti nabiyyii waliin masjiida keessa teenyee jirruu -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namichi wohii gaala irra taa'ee ol seenee, masjiida keessatti eega jilbeenfachiisee booda isa hidhuun, eegasii isin keessaa eenyu Muhammad? jechuun isaan gaafate, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan gidduutti hirkatanii jiru, nutis namticha adii hirkatee jiru kana jenneen. namtichis: yaa ilma Abdul muxxalib jechuun isaan waame, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «dhugumatti siif owwaadheen jira» jedhaniin. namtichis nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedheen: ani gaaffiin si gaafachuuf deema gaaffii sana keessattis immoo sittan jabeessa, keessoo keetti homaa natti hin qabattuu mitii? isaanis « eeyyeen waan barbaadde na gaafadhu» jedhaniin, namtichis ni jedheen: Rabbii keetii fi Rabbii worra siin duraa ta'eenan si gaafadha, Rabbumatu gara ilma namaa hundatti si ergee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi ni jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu halkanii fi guyyaa keessatti salaata shan akka salaannu si ajajee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, woggaa keessatti baatii kana akka soomannu Rabbumatu si ajajee? isaani «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu qabeenya kana dureessa keenya irraa fuutee rakkataa keenyatti akka qooddu si ajajee? nabiyyiinis -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. namtichis yeruma kana akkas jedheen: waan ati qabattee dhuftetti amaneen jira, ani immoo ergamaa hawaasa koo ana boodaan jiranuuti, ani obboleessa worra banii sa'ad bin Bakir kan ta'e Dimaam bin sa'alabaan jedhama.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Namni ajajamuu dhiisee jamaa'aa muslimtootaa irraa adda bahee du’e, du’a wallaalummaa du’a, Namni alaabaa gosaatin, garee tokko jalatti qabsaa’e kan garee sanaaf dheekkamu ykn garee sanatti waamu, ykn garee osoo tumsuu ajjeefame inni ajjeechaa wallaalummaa ajjeefame, Namni ummata kiyya irratti fincila kaase, nama qajeelaa fi kan safuu hin qabne irrattis duulu, kan mu'uminootaaf dantaa hin qabne, kan waadaa gale hin raawwanne, inni ana irraa anis isa irraa miti".
Sahiiha Muslimtu gabaase