Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

124 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (59)
«Yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa? Rabbumaa fi ergamaa isaatu beekan jedhe. ergamaanis ni jedhani: «yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa?» ni jedhe: akkanan jedhe: {ALLAAHU LAA ILAAHA ILLAA HUWA AL-HAYYU AL-QAYYUUM} [Al-baqaraa: 255], ni jedhe: ergamaanis qoma koo keessa rukutuun akkas jedhani: «Rabbiinan kakadha beekumsi si haa gammachiisu yaa abal munzir».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- (baalagee) uumaa isaaniitti nama waan fokkataa hojjatuu fi dubbatu hin turre akkasuma nama waan fokkataa barbaadee hojjatus hin turre, akkas jedhu ture: «Irra filatamaan keessan nama haalli isaa irra tolaa ta'eedha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namichi tokko eddoo Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jiranitti bitaa isaatiin nyaatee jennaan isaan akkana jedhaniin: "Harka Mirga keetin nyaadhu", innis akkana jedhe: hin danda'u, isaanis ni jedhan: "hin danda'in", Nama kana boona malee wanti biraa hin dhoorgine, ni jedhe: sana booda harka isaa sana gara afaan isatti ol hin fuune.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessan keessatti Rabbiin akkana jedhe: "Garbichi tokko badii wohii balleessee ka'ee akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbiin -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebi'ee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebisee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'ee- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiin isa qabu isaaf jiru beeke, waan feete hojjadhu dhugumatti siif dhiiseen jira".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan hundaa yeroo gara firaasha isaanitti bahanitti ganaa isaanii lameen walitti qabanii, eegasii isaan keessatti tuttufuun: {Qul huwa allaahu ahad}, {qul a'uuzu birabbi al-falaq} fi {qul a'uuzu birabbinnaas} isaan keessatti qara'anii eegasii qaama isaanii irraa bakka danda'an isaan haxaawan ture, mataa isaanii, fuula isaanii fi qaama isaanii gara fuulduraa irraa eegalu, yeroo sadii waan sana hojjatu.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Torban balleessituu taate irraa fagaadhaa» ni jedhan (sahaaboonni): yaa Ergamaa Rabbii maali isaan? isaanis ni jedhan: «Rabbitti shaarrakuu, haqaan maletti lubbuu Rabbiin haraama godhe ajjeesuu, dhala nyaachuu, qabeenya yatiimaa nyaachuu, guyyaa lolaa baqachuu fi shamarran mu'umintootaa tikfamoo ta'an kan haraama quba hin qabne maqaa isaanii baalagummaan xureessuudha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Booda Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- Harree ufayr isaan jedhamu irratti duubaan yaabbadhee osoon jiruu, akkana naan jedhani: "Yaa Mu'aaz! haqa Rabbii kan gabroota Isaa irra jiruu fi haqa gabrootaa kan Rabbirra jiru ni beektaa?", Rabbii fi ergamaa Isaatu beekan jedhe, Ergamaanis ni jedhani: "Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha", nan jedhe: yaa Ergamaa Rabbii namootaa ittiin gammachiisuu? Ergamaanis ni jedhani: "isaan hin gammachiisin, ni hirkataniitii (kanuma irratti hirkatanii hojii biraa dhiisu waan ta'eef jecha)".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan