Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

124 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (59)
"Komiin (hamti) maal akka ta'e beektuu?", Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka jedhan, Ergamaanis ni jedhan: "Obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha", wanti ani jedhu obboleessa koo keessa yoo jiraate hoo? jedhame, Ergamaanis ni jedhan: "wanti ati jettu isa keessa jira yoo ta'e dhugumatti isa komatteerta, wanti ati jettu isa keessa hin jiru yoo ta'e immoo isa irratti kijibdeerta".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Gara laafummaan waan tokko keessatti hin ta'u isa faayu malee, waan tokko irraa hin fuudhamu isa jibbisiisu malee».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ani mucaa guddisa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala ture, harki koo sahanaa nyaataa irra naanna'aa waan tureef, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas naan jedhan: "Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu" sana booda akkaataa saniin nyaachuu dhiisee hin beeku.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Osoo soba ta'uu isaa beekuu namni hadiisa tokko narraa odeesse, inni sobdoota irraa isa tokkodha».
Sahiiha Muslimtu muqaddimaa isaa keessatti gabaase
«Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera, yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatanis gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u, billaa isaa haa qarfatu, waan gorra'u sanas haa boqachiisu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Waan Rabbiin diliiwwan isaan haqee sadarkaalee isaan ol kaasutti isin qajeelchuu?» ni jedhan: Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii, isaanis ni jedhan: «wuduu’a osoo namatti jabaatuu waliin gahuun raawwachuu, gara masjiidotaatti tarkaanfii baay'isuu fi salaata booda salaata biraa eeggachuudha, suni hidhannaa cimaa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa.
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
"Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan