Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

124 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (59)
"Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba".
Sahiiha Abuu Daawuudii fi Tirmiziitu gabaasani
«Laaffisaa hin jabeessinaa, gammachiisaa hin baqachiisinaa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane ollaa isaa haa kabaju, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane keessummaa isaa haa kabaju".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namtichi tokko Nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- na gorsi jedheen: (Nabiyyiinis): "Hin dallanin" jedhaniin, gurbichi irra deddeebi'ee gaafannaan, isaanis deebi'anii akkana jedhaniin: "Hin dallanin".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Namoonni bakka walga’ii isa keessatti Rabbiin hin zakkarin tokko irraa ka'an taanan akka nama reeffa herree ka'ee ta'an malee hin hafan, akkasumas sun isaanitti gaabbii ta'u malee hin hafu».
Sahiiha Abuu Daawuudtu gabaase
Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee gaari fi dilii irraa gaafadhee, akkana jedhan: «Gaariin amala gaarii qabaachuudha, diliin immoo waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni irratti si arguu jibbiteedha».
Sahiiha Muslimtu gabaase