Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

90 of 559 cards

Clear filters
Namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii firan ani isaan fufu kan isaan na kutanin qaba, toltuun isaanitti hojjadha, isaan immoo hamtuu natti hojjatan, ani hamtuu isaanii danda'ee jiraadha, isaan immoo sana hin beekan, isaan akkana jedhaniin: «Akka ati jette kana ati yoo taate akka waan daaraa isaan siphachiifteeti, waan akka sanitti itti fufteen gargaaran Rabbiin biraa ta'e si waliin ta'uu irraa hin deemu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin gabricha irraa nyaata nyaatee isa irratti isa galatoomfachuu irraa jaallata, yookaan dhugaatii dhugee isa irratti isa galatoomfachuu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa”.
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Laaffisaa hin jabeessinaa, gammachiisaa hin baqachiisinaa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane ollaa isaa haa kabaju, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane keessummaa isaa haa kabaju".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee gaari fi dilii irraa gaafadhee, akkana jedhan: «Gaariin amala gaarii qabaachuudha, diliin immoo waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni irratti si arguu jibbiteedha».
Sahiiha Muslimtu gabaase