Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

6 of 559 cards

Clear filters
“salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala, sababni isaas namni tokko akka gaaritti yeroo wuduu’a godhatee, eegasii salaata malee waan hojjatu tokko kan hin qabne gara masjiidaa dhufee, salaata qofa malee waan biraa kan hin feene, inni hanga masjiida seenutti tarkaanfii tokko hin tarkaanfatu, yoo sadarkaan isaa dabalee, diliin isaa irraa haqame malee, Yeroo masjiida seene waan salaatni waan biraa irraa kan isa daangessu ta'een inni salaatuma keessa jira, Malaa'ikoonnis hanga inni eddoo itti salaate sana keessa jiruun akkana jechuu araarama isaaf kadhatan: Yaa Rabbi isaaf rahmata godhi, yaa Rabbi isaaf araarami, yaa Rabbi towbaa isa irratti deebi'i, waan inni miidhaa hin geessisiniin, ammas waan inni wuduu'a isaa hin balleessiniin”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namichi jaamaan tokko gara Nabiyyiitti dhufuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii namni gara masjiidaatti na qajeelchu hin jiru jedhee, mana isaatti salaatuu akka isaaf eeyyamaniif ergamaa Rabbii gaafatee jennaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf eeyyamani, yeroo inni deemuuf garagalu isa waamanii, akkas jedhaniin: «waamicha salaataaf taasifamu ni dhageessaa?» namtichis eeyyeen nan dhaga'a jedhe, isaanis ni jedhaniin: «owwaadhu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Guyyaa tokko Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata subhii nuun salaatanii ka'anii akkas jedhani: «Ebalu dhufeeraa?» sahaabonnis: lakki jedhani, ammas ergamaan ni jedhani: «Ebalu hoo dhufeeraa?» ammas sahaabonni lakki jedhani, eegasii isaan akkas jedhani: «Salaatattiin kun lameen, munaafiqoota irratti irra ulfaataa salaatotaati, osoo waan isaan lameen keessa jiru beektanii jilbaan daa'imtanii ta'ullee silaa ni dhuftan ture, saffiin jalqabaa akka saffii malaa'ikaati, osoo sadarkaa isaa beektanii itti ariifattu ture, salaanni namni tokko nama biroo woliin salaatu salaata qofaa isaa salaatu irra caalaadha, salaanni inni nama lamaa woliin salaatu salaata nama tokkoo woliin salaatu irra caalaadha, kan hedduummate isatu Rabbiin biratti irra jaallatamaadha».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasan
«Namni gara masjiidatti ganama deeme ykn galgala deeme Rabbiin yeroo inni ganama ykn galgala deeme hundatti Jannata keessatti bakka qubsumaa isaaf qopheessa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni qullubbii ykn shunkurtii nyaate, nurraa haa fagaatu, masjiida keenya irraayis haa fagaatu, mana isaa keessatti haa hafu», Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- meeshaa kuduraalee foosooliyaa of keessaa qabuun dhufamee, hafuurri itti dhahee, gaafatanii foosooliyaan akka keessa jiru itti himame, Sahaabota isaanii keessaa nama wahii kan isaanin waliin ture itti ishee dhiheessaa jedhan, inni yeroma ishee arge ishee nyaachuu jibbe, ni jedhaniin: «Nyaadhu, ani nama ati wajjiin maqoo hin qabneen wajjiinin maqoo qabaa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Irra caalaan tarree dhiirotaa jalqaba isaati, irra hamaan isaa immoo xumura isaati, irra caalaan tarree dubartootaa xumura isaati, irra hamaan isaa immoo jalqaba isaati».
Sahiiha Muslimtu gabaase