Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

10 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatuf "Allaahu Akbar" jedhan osoo hin qara’in yeroo muraasaaf kan callisan waan ta’aniif, ani akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haadha fi abbaan kiyya fidaa isiniif haa ta'anii takbiiraa fi qara'uu jidduutti maal jettu? Isaanis akkas jedhan: «Akkanan jedha: Allaahumma baa'id beynii wa beyna khaxaayaaya kamaa baa'adtta beynal mashriqi walmaghrib, Allaahumma naqqinii min khaxaayaaya kamaa yunnaqqaa assoobul abyadu minaddas, Allaahumma ighsilnii min khaxaayaaya bissalji walbarad», jechuunis: Yaa Rabbi akkuma Bahaa fi Dhihaa gargar fageessitetti anaa fi dilii koo gargar fageessi, Yaa Rabbi akkuma uffanni adiin xurii irraa qulqullaa'utti dilii koo irraa na qulqulleessi, Yaa Rabbi dilii koo irraa bishaanin, fixeensaa fi cabbiin na dhiqi, jechuudha.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata isaanii irraa yeroo garagalanitti yeroo sadii araarama Rabbiin gaafatu ture, eegasi akkas jedhu: «Allaahumma Antassalaamu, Waminkassalaamu, Tabaarakta Yaa Zaljalaali Wal ikraam», Waliid ni jedhe: Awzaa'iidhaan, araarama gaafachuun akkamin jedheen? Awzaa'iinis ni jedhe: Astaghfirullaah, Astaghfirullaah, Astaghfirullaah jetta.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dugda isaanii rukuu'a irraa yeroo ol kaasan akkana kan jedhan ta'an: "Sami'allaahu Liman Hamidah, Allaahumma Rabbanaa lakal hamd Mil'assamaawaati wa mil' Ardi wa mil'a maa shi'ita min shey'in Ba'ad", jechuunis: Rabbiin nama Isa faarsef dhaga’e, Yaa Rabbii keenya faaruun siifi, faaruun samii fi dachii guutu, akkasumas eegasii wahirraa faaruun waan ati feete guutu siifi jechuudha.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namni duuba salaata hundatti Subhaanallaah yeroo soddomii sadii, Alhamdulillaah yeroo soddomii sadii, Allaahu Akbar yeroo soddomii sadii jedhe, kun sagaltamii sagal ta'a, dhibba guutuuf: Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku walahul hamdu wa huwa alaa kulli shey'in qadiir jedhe, diliin isaa osoo akka hoomocha galaana bahr ta’ellee dhiifama argateera».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ibnu Azzubayr salaata hunda booda akkas jedha ture: «Laa Ilaaha Illallaahu Wahdahuu laa Shariika lahuu, lahul mulku Walahul hamdu Wahuwa Alaa kulli Shay'in Qadiir, Laa Hawla Walaa Quwwata Illaa Billaah, Walaa Na'abudu Illaa Iyyuahu, Lahu Anni'imatu walahul fadlu walahussanaa'ul hasan, Laa ilaaha Illallaahu Mukhlisiina Lahuddiina wolaw Karihal kaafiruun» eegasii akkas jedha ture: «Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saalaata hunda booda isiidhaan zakkaru turani».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Halkan tokko ani Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- firaasha irraa dhabee, isaan barbaadee osoo isaan masjiida keessa jiranii harki kiyya keessoo miila isaanii lamaan tuqxe osoo isaan lamaan dhaabbatanii, isaan akkana jedhuu turani: «Yaa Rabbi, dheekkamsa kee irraa jaalala keetti, adabbii kee irraas nagaa keetti maganfadha, ammas si irraan sitti maganfadha, akka ati of faarsitetti faaruu kee lakkaa'ee fixuu hin danda'u».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhuma salaata dirqamaa hunda keessatti akkana kan jedhan ta'an: "Haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee hin jiru, mootummaa fi faaruun kan isaati, Inni waan hundumaa irratti danda'aa dha. Yaa Rabbi, waan ati kennite namni dhoorgu hin jiru, waan ati dhoorgite namni kennu hin jiru, sibiratti dureessa durumti isaa isa hin fayyadu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Salaata dirqamaa hunda boodatti namni isaan jedhu -yookaan isaan hojjatu- hin hoongahu, "subhaanallaah" yeroo soddomii sadii, "Alhamdulih" yeroo soddomii sadii, “Allaahu Akbar” yeroo soddomii afur”.
Sahiiha Muslimtu gabaase