Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

26 of 559 cards

Clear filters
«Guyyoota kana caalaatti guyyooleen hojiin gaariin Rabbiin biratti ira jaallatamaa ta'an hin jiru» guyyoota kurnan jechuudha, yaa ergamaa Rabbii, karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu yoo ta'ellee moo? jedhani, isaanis ni jedhani: «Eeyyeen karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu yoo ta'ellee, namicha lubbuu isaatii fi qabeenya isaatiin ba'ee sana keessaa homa tokkoon kan hin deebine yoo ta'e malee».
Sahiiha Bukhaarii fi Abuu Daawuudtu gabaasani, jechichi kan isaati
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha tokko kan kophaa isaa tarree (saffii) duubaa irratti salaatu arganii, salaata isaa irra deebi’ee akka raawwatu isa ajajan.
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
"Gaa’elli/nikaahni waliyyiin/eegduun malee hin hidhamu".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
“Yaa Bilaal, slaata dhaabi, salaataan hafuura nu baafachiisi".
Sahiiha Abuu Daawuudtu gabaase
«Namoota gosa sadi irraa qalamnni fuudhameera; nama rafu hanga dammaqutti, daa'ima hanga baallaghutti, maraataa hanga sammuun itti deebi'utti».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
Akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haqni haadha manaa tokkoo keenyaa kan isa irratti qabdu maali? ni jedhan: «Yeroo ofii nyaattu ishee nyaachisuu, yoo ofii uffatte ishees uffisuu, fuula ishee dhahuu dhabuu, fokkattuu jechuu dhabuu fi mana keessatti malee isheen ooduu dhabuudha».
Hasani Abuu Daawuud, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
«Dubartiin hayyama waliyyii ishee malee heerumte kamiyyuu, gaa’elli ishee seera qabeessa miti -yeroo Sadii- yoo ishee waliin qunnamtii saalaa raawwate, sababa saniif mahriin isheef dirqama taha, yoo wal dhabdee keessa seenan sulxaanni waliyyii nama waliyyii hin qabneeti».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Qabeenya keessaniin, lubbuu keessaniinii fi arraba keessaniin mushrikootatti duulaa».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasan