Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

4 of 559 cards

Clear filters
Yaa Nabiyyii Rabbii, bulchitoonni haqa isaanii nu gaafatan, haqa keenya immoo kan nu dhoorgatan yoo nurratti taayitaa argatan mee maalitti nu ajajja? irraa garagalan, eegasii deebi'ee isaan gaafatee jennaan, ammas irraa garagalan, eegasii yeroo lammaffaa ykn sadaffaatif isaan gaafatee jennaan, Al-Ash'as bin Qeysii isa harkise, isaanis akkana jedhan: «Dhaga'aa ajajamaa, wanti isaan baachifaman isaan irra jira, wanti isin baachifamtanis isin irra jira».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafa tokko nu gidduu dhaabbatanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaattee ijji irraa imimmaan dhangalaafte nu gorsan, eegasii ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii gorsa nama nagaa namatti dhaammatuu nu gorsitanii, nuu dhaamaa, isaanis ni jedhan: "Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa, ilkaan a'ootiin isirratti ciniinaa, wantoota haaraa bid'aa ta'an irraa fagaadhaa, hundummaan bid'aatuu jal’ina waan ta’eef".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Sodaa Rabbiin isiniif dhaama, akkasumas gabrichi habashaa irraa ta’e yoo isin irratti duree ta’ellee, isa dhaga’uu fi isaaf ajajamuun isiniif dhaama, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kootii fi karaa khaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa, qarriffaadhaan ciniinaa qabadhaa, adaraa wantoota (diinii keessatti) khalaqaman irraa of eeggadhaa, hundi wantoota haaraa diinii keessatti khalaqamanii jallina waan ta'eef jecha».
Sahiiha Abuu Daawuudii fi Tirmiziitu gabaasani
"Amantaa jechuun gaarii yaaduudha" ni jenne: eenyuufi? ni jedhan: "Rabbiifi, kitaaba Isaatiifi, ergamaa Isaatiif, dureewwan muslimootaatii fi hunduma isaanitiifi".
Sahiiha Muslimtu gabaase