Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

12 of 559 cards

Clear filters
"Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha, rifeensi mata isaanii akka dalluu gaalaa kan dabeeti, jannata hin seenan, urgaa isiis hin argan, urgaan isii deemsa fageenya karaa akkasii fi akkasii irraa kan argamu ta'uu waliin".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaa Rabbii woliin yeroo turre tokkotti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, sagalee rifaasisaa dhaga'ani, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhani: «waan kun ta'e beektuu?» ni jedhe: Rabbumaa fi ergamaa isaatu beeka jenne, nabiyyiinis akkas jedhani: «kun dhagaa erga woggaa torbaatamaatii ibiddatti darbame, inni hanga ammaatti ibidda keessatti gadi knkolaataa ture hanga guyyaa hardhaa dhuma ibiddaa qaqqabetti».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Rabbiin tokkicha hiriyaa hin qabnee, Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaatii, Iisaanis garbicha Rabbiitii fi Ergamaa Isaatii, inni ammas dubbii Rabbiin gara Maryamitti darbee fi inni hafuura Isa irraa ta'ee, Jannanni dhugaadhaa, ibiddiis dhugaadhaa namni ragaa bahe Rabbiin hojii irraa hanqinuma inni qabuun waliin Jannata isa galcha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Guyyaa qiyaamaa namichi ni fidama, ibidda keessa buufamee, meeshaan garaa isaa keessaa yaatee, akka harreen baaburaan naanna'utti isiidhaan naannawa, worri ibbiddaa isa ilaaluuf wolitti qabamanii akkas jedhu: yaa ebelu maaltu si mudate? toltuutti ajajdee badii irraa dhoorgaa hin turree? innis ni jedha: ee dhugaadha akkasin ture, dhugaan toltuutti ajajaan ture ofiif immoo isa hin hojjadhu, akkasuma badii irraas dhoorgaan ture ofiif immoo isan hojjadha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan