Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

13 of 559 cards

Clear filters
«Toltuun: haala gaariidha, badiin immoo: waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni isarratti si beekuu jibbiteedha».
Sahiiha Hadiisa tokkoffaa: Muslimtu gabaase, hadiisa lammaffaa immoo: Ahmad fi Daarimiitu gabaasan.
“Mu'uminni cimaatu Rabbiin biratti mu'umina laafaa irra caala, irra jaallatamaasi, haa jennuu malee hunduma keessa kheyriin ni jira, waan si fayyadu irratti bololi, Rabbiin gargaarsifadhu malee hin dadhabin, wanti ati hin jaallanne wahii yoo si mudate, osoon akkasii fi akkas godhee silaa akkasii fi akkas ta’a ture hin jedhin, Garuu akkas jedhi: Rabbiin waan fedhe dabarse, wahuma fedhe hojjate, sababni isaas (osoon) hojii sheyxaanaa waan namatti bantuuf jecha".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef». homaa jedhe, haa ta'u malee ani Rabbii fi ergamaa isaan jaalladha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, ergamaanis akkas jedhani: «ati nama jaallattee woliini». anasis akka jedhe: akka jecha nabiyyii -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «ati nama jaallattee woliini» jedhuun gammannetti woma tokkoon gammannee hin beeknu, anas eegasii akkas jedhe: anis nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abuu bakirii fi umar nan jaalladha, jaalalan isaan jaalladheen isaan woliin ta'uu hawwa, yoon hojiiwwan akka isaanii hojjachuu dhabellee.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Muslimni lama (wol ajjeesuuf jecha) seyfii isaaniitiin yoo wal qunnaman, kan ajjeeses kan ajjeefames ibidd keessatti ta'an" nan jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii: inni kun isa ajjeese, kan ajjeefame immoo maaliifi? ni jedhan: "dhugumatti innis saahiba isaa ajjeesuuf bololaadha ture".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
''Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Rabbiin suuraa keessanii fi qabeenya keessan hin ilaalu, garuu kan Inni ilaalu qalbii keessanii fi hojii keessani".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Tokkoon keessan hin amanu hanga ani abbaa isaa, ilma isaa fi namoota hunda irra isa biratti irra jaallatamaa ta'utti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin nama dhugaan shahiidummaa isa gaafate sadarkaa shahiidotaatiin isa ga'a, firaasha isaa irratti yoo du'ellee».
Sahiiha Muslimtu gabaase