Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

6 of 559 cards

Clear filters
«Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan jijjiiramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Yaa Rabbii koo, dilii koo fi wallaalummaa koo naaf dhiisi, dhimma koo hunda keessattis garmalee waa qisaasessuus naaf dhiisi, waan ati ana irraa beektus naaf dhiisi, Yaa Rabbi dilii koo, waan beekaa dalage, waan wallaalummaan dalagee fi qoosaa koo naaf dhiisi, hundi ana bira jira, Yaa Rabbi waan dursee fi waan hafees naaf dhiisi, waan dhoksee dalagee fi ifaatti dalages naaf dhiisi, ati (abbaafeete) dursaa dha, ati (abbaafeete) boodattis hanbisaadha, ati waan hunda irratti danda'aadha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namni wahii baadiyyaa irraa gara Ergamaa Rabbiitti dhufee, -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedheen: jecha wahii kanin isa jedhu na barsiisaa, Isaanis ni jedhani: «Jedhi: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Rabbiin Guddate, galanni baay'een Rabbiif haa ta'u, Rabbiin Aalamaa waan Isaaf hin malle irraa qulqullaaye, humnis mallis Rabbii injifataa, ogeessa ta’een malee hin jiru?" Namichi ni jedhe: "Kuni Rabbii kiyyaafi, anaaf hoo" jechuun gaafate, isaanis akkas jedhaniin: " Jedhi: Yaa Rabbi, dhiifama naaf godhi, naafis rahmata godhi, na qajeelchi, rizqii naaf kenni".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Jedhi: Yaa Rabbi, na qajeelchi, na sirreessi, qajeellumaan karaa imalaa qajeeluu kee yaadadhu, sirraa'uun sirraa'uu xiyyaa yaadadhu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Yaa Rabbi amantii koo isa eegumsa kiyyaaf ta'e naaf tolchi, Addunyaa koo kan jireenyi koo keessatti ta'us naaf fooyyessi, Aakhiraa koo kan deebiin koo isa keessatti ta'us naaf tolchi, Jireenya koo kan waan gaarii hundumaa irraa keessatti dabaladhu naaf taasisi, Du'aas kan hamtuu hunda irraa itti boqadhu naaf taasisi».
Sahiiha Muslimtu gabaase