Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

4 of 559 cards

Clear filters
Halkan roobaa fi dukkana cimaa qabu wahii keessa, Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra jiraatu- akka isaan nuun salaatan kan barbaannu haala taanen baane, ni jedhe: isaan nin dhaqqabe, isaanis naan jedhani: “Jedhi”, ani homaa hin jenne, eegasii ni jedhani: “Jedhi”, anis homaa hin jenne, ni jedhani: "Jedhi", anis nin jedheen: Maalin jedha? ni jedhani: «{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
«Nama yeroo sadii akkana jedhe: Maqaa Rabbii kan isa waliin dachii irratti ta’ee samii keessatti wanti nama miidhu hin jirreenin tikfama, inni hedduu dhaga'aadha beekasi, hanga bariisifatutti balaan tasaa isa hin mudatu, nama ganama yeroo sadii isa jedhe immoo hanga galgaleeffatutti balaan tasaa isa hin mudatu», ni jedhe: Abaan bin Usmaan faaliji isa qabee, namichi hadiisa isa irraa dhaga'e isa ilaalee jennaan, akkana jedheen: Maaliif na ilaalta? Rabbiin kakadhee ani Usmaan irratti hin sobne, Usmaanis Nabiyyii irratti hin sobne, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, garuu har'a waan na mudateetu na mudate, sababaa sanaan aarii keessa galee isa jechuu dagadhe.
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
“Gooftaan istighfaaraa ati akkas jechuudha: Yaa Rabbi Ati Gooftaa kooti si malee haqaan gabbaramaan hin jiru, situ na uume ani gabricha keeti, hamman danda'een ahdii keeti fi waadaa kee irra jira, hamtuu waanan hojjedhe irraa sitti maganfadha, qananii ati na irratti oolte siif raggaasisa, dilii koos siif raggaasisa, kanaaf naaf araarami, si malee kan namaa araaramu hin jiru", ni jedhani: "Namni isii dhugoomsaa haala ta'een guyyaa keessatti isii jedhee, osoo hin galgalaayin du’e, inni warra jannataa irraayi, namni isii dhugoomsaa haala ta'een halkan keessatti isii jedhee, osoo hin bari'in du’e, inni warra jannataa irraayi".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Namni halkan tokko keessatti dhuma suuraa baqaraa irraa aayaa lameen qara'e isiin isaaf ni geessi».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan