Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

3 of 559 cards

Clear filters
Halkan roobaa fi dukkana cimaa qabu wahii keessa, Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra jiraatu- akka isaan nuun salaatan kan barbaannu haala taanen baane, ni jedhe: isaan nin dhaqqabe, isaanis naan jedhani: “Jedhi”, ani homaa hin jenne, eegasii ni jedhani: “Jedhi”, anis homaa hin jenne, ni jedhani: "Jedhi", anis nin jedheen: Maalin jedha? ni jedhani: «{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
«Nama yeroo sadii akkana jedhe: Maqaa Rabbii kan isa waliin dachii irratti ta’ee samii keessatti wanti nama miidhu hin jirreenin tikfama, inni hedduu dhaga'aadha beekasi, hanga bariisifatutti balaan tasaa isa hin mudatu, nama ganama yeroo sadii isa jedhe immoo hanga galgaleeffatutti balaan tasaa isa hin mudatu», ni jedhe: Abaan bin Usmaan faaliji isa qabee, namichi hadiisa isa irraa dhaga'e isa ilaalee jennaan, akkana jedheen: Maaliif na ilaalta? Rabbiin kakadhee ani Usmaan irratti hin sobne, Usmaanis Nabiyyii irratti hin sobne, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, garuu har'a waan na mudateetu na mudate, sababaa sanaan aarii keessa galee isa jechuu dagadhe.
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
Ganama Ganama akkas jedhan ture: «Yaa Rabbi siin bariisifanne, siin galgaleefanne, siin jiraanna, siin duuna, deebiin garuma keeti» yeroo galgalaa immoo akkana jedhan: «Yaa Rabbi siin galgaleefanne, siin bariisifanne, siin jiraanna, siin duuna, deebiin garuma keeti» yeroo tokko immoo akkas jedhan: «Deebin garuma keeti».
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessattii fi Ibnu Maajaatu gabaasan