Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

45 of 559 cards

Clear filters
«Duuniyarraa dantaa dhabi Rabbiin si jaallataatii, waan namoota bira jirurraa dantaa dhabi namoonni si jaallatuu».
Nawawiin akkana jedhe: Hadiisa hasani Ibnu Maajaa fi kanneen birootu sanadota gaggaariidhaan gabaasani.
«Rabbii fi Ergamaan isaa farsoo, du'aa, karkarroo fi taabota gurguruu haraama taasisanii jiru», yaa ergamaa Rabbii, moora du'aa yoo ta'e hoo, Dooniitu isaan dibamee haguugama, gogaatu isaan dibama, namoonnis isaan ifaa ibsatu? jedhameen, isaanis ni jedhani: «Lakki, inni haraama», eegasii ergamaan Rbbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeruma sanatti akkas jedhani: «Rabbiin yahuudota irratti lola haa labsu, yeroo Rabbiin moora du'aa haraama isaan irratti taasise, isaan immoo isa baqsanii eegasii isa gurguranii maallaqa isaa nyaatani».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Adunyaa kana irratti akka keessummaa ykn nama karaa dabruu ta’i», Ibnu Umar akkana jedha ture: Yeroo galgaleeffatte ganama hin eegin, yoo ganameeffatte immoo galgala hin eegin, osoo hin dhukkubsatin fayyaa keetti fayyadami, osoo duuti sitti hin dhufin jiruu keetti fayyadami.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Yaa gurbaa! ani jechoota wohiin si barsiisa: Rabbiin tiksi si tiksaa, Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo kadhatte Rabbiin kadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu, beeki: ummanni hundi waan tokkoon si fayyaduuf osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif katabeen malee waan tokkooniyyuu si hin fayyadanu, akkasumas waan tokkoon si miidhuuf osoo walitti qabamanii, waan sila Rabbiin sitti barreesseen malee waan tokkooniyyuu si hin miidhanu, qalamoonni kaafaman, kitaabonnis qooran».
Sahiiha Tirmizii fi kan birootu gabaase
"Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha, gidduu isaaniitti wantoota wal fakkaatan kan namoonni hedduun isaan hin beekneetu jiran, namni wal fakkaattuu eeggate amantii fi kabajaa isaatiif qulqullina barbaade, wal fakkaattuu keessa namni bu'e haraama keessa bu'e, inni akka tiksee daangaa cinaatti tiksuuti, isa keessa seenee dheeduutu mala, dhaga'aa! mootii hundaafuu daangaatu jira, dhaga'aa! daangaan Rabbii dhoorgaa Isaati, dhaga'aa! dhugumatti qaama namaa keessa waan akka cittuu fooniitu jira, yeroo isiin tolte qaamni hundi ni tola, yeroo isiin badde immoo qaamni hundi ni bada, dhaga'aa! isiin qalbiidha".
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase